Skip to content
Surah List /

الفَتح

الفَتح is chapter 48 of the Quran and has 29 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

29 Ayahs Surah No. 48
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

إِنَّا فَتَحۡنَا لَكَ فَتۡحٗا مُّبِينٗا

(Yaa Muhammad!) Nuti siif banne baniinsa mul'ataa.

لِّيَغۡفِرَ لَكَ ٱللَّهُ مَا تَقَدَّمَ مِن ذَنۢبِكَ وَمَا تَأَخَّرَ وَيُتِمَّ نِعۡمَتَهُۥ عَلَيۡكَ وَيَهۡدِيَكَ صِرَٰطٗا مُّسۡتَقِيمٗا

Akka Rabbiin dilii tee irraa waan dabreefi waan dhufus siif araaramuuf, akka ni’imaa Isaa sirratti guutufi, akka karaa qajeelaa si qajeelchuf jecha (injifannoo ifa ta’e siif kenne).

وَيَنصُرَكَ ٱللَّهُ نَصۡرًا عَزِيزًا

Rabbiin tumsa cimaa sii tumsuuf (si injifachiise).

هُوَ ٱلَّذِيٓ أَنزَلَ ٱلسَّكِينَةَ فِي قُلُوبِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ لِيَزۡدَادُوٓاْ إِيمَٰنٗا مَّعَ إِيمَٰنِهِمۡۗ وَلِلَّهِ جُنُودُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمٗا

Inni Isa tasgabbii onneewwan mu’uminootaa keessatti buuse, akka isaan iimaana isaanii wajjiin iimaana dabalataniifi, Waraanni samiifi dachii kanuma Rabbiiti, Rabbiin beekaa ogeessa ta’eera.

لِّيُدۡخِلَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَا وَيُكَفِّرَ عَنۡهُمۡ سَيِّـَٔاتِهِمۡۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عِندَ ٱللَّهِ فَوۡزًا عَظِيمٗا

Mu’uminoota dhiiraafi dubartootaa jannata isa jala laggeen yaa’an seensisuufi, kan yeroo hunda ishee keessa jiraatan. diliilee isaanii isaan irraa haquufi, kun Rabbiin biratti milkii guddaa ta’eera.