بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.
- suuraan faatihaa tuni irra caaltuu suuraalee qur'aanaati. Nabiyyiin S.A.W. Abii sa'iidiin akkana jedhe "irra caaltuu suuraalee qur'aanaa sibeeysisa, isiin -Alhamdu lillaahi Rabbil aalamiin- jedheen. isiin torban deddeebituu taate, qur'aana guddaa ani isa kennames" jedheen. {bukhaariitu odeesse}.