Skip to content
Surah List /

التَّحرِيم

التَّحرِيم is chapter 66 of the Quran and has 12 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

12 Ayahs Surah No. 66
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِيُّ لِمَ تُحَرِّمُ مَآ أَحَلَّ ٱللَّهُ لَكَۖ تَبۡتَغِي مَرۡضَاتَ أَزۡوَٰجِكَۚ وَٱللَّهُ غَفُورٞ رَّحِيمٞ

Yaa Nabiyyichaa! Maaliif waan Rabbiin halaala siif godhe haraama goota haadholee manaa tee jaalachiisuu barbaachaaf ? Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

قَدۡ فَرَضَ ٱللَّهُ لَكُمۡ تَحِلَّةَ أَيۡمَٰنِكُمۡۚ وَٱللَّهُ مَوۡلَىٰكُمۡۖ وَهُوَ ٱلۡعَلِيمُ ٱلۡحَكِيمُ

Dhugumatti, Rabbiin karaa kakuulee keessan ittiin hiiktan isiniif murteesseera. Rabbiin gargaaraa keessani. Inni beekaa ogeessa.

وَإِذۡ أَسَرَّ ٱلنَّبِيُّ إِلَىٰ بَعۡضِ أَزۡوَٰجِهِۦ حَدِيثٗا فَلَمَّا نَبَّأَتۡ بِهِۦ وَأَظۡهَرَهُ ٱللَّهُ عَلَيۡهِ عَرَّفَ بَعۡضَهُۥ وَأَعۡرَضَ عَنۢ بَعۡضٖۖ فَلَمَّا نَبَّأَهَا بِهِۦ قَالَتۡ مَنۡ أَنۢبَأَكَ هَٰذَاۖ قَالَ نَبَّأَنِيَ ٱلۡعَلِيمُ ٱلۡخَبِيرُ

Yeroo Nabiyyichi gara garii niitolee isaatti iccitii wahii himu [yaadadhaa]. Yeroo isheen isa odeessitee Rabbiinis isa isatti beeksisu, garii isaa (isheetti) beeksisee, garii irraa gara gale. Yeroo inni isa isheetti himu “eenyutu kana sitti hime” jette. "Beekaa, keessa hubataatu natti hime" jedheen.

إِن تَتُوبَآ إِلَى ٱللَّهِ فَقَدۡ صَغَتۡ قُلُوبُكُمَاۖ وَإِن تَظَٰهَرَا عَلَيۡهِ فَإِنَّ ٱللَّهَ هُوَ مَوۡلَىٰهُ وَجِبۡرِيلُ وَصَٰلِحُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۖ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ بَعۡدَ ذَٰلِكَ ظَهِيرٌ

Yoo tawbaa gara Rabbii deebitaniif (isiniif araarama) Onneen lamaan keessanii dhugumaan jallattee jirti. Yoo isa irratti wal gargaartan Rabbiin isatu gargaaraa isaati Jibriiliifi gaggaariin Mu'umintootaas, Maleykonnis booda sanaatii gargaartota isaati.

عَسَىٰ رَبُّهُۥٓ إِن طَلَّقَكُنَّ أَن يُبۡدِلَهُۥٓ أَزۡوَٰجًا خَيۡرٗا مِّنكُنَّ مُسۡلِمَٰتٖ مُّؤۡمِنَٰتٖ قَٰنِتَٰتٖ تَٰٓئِبَٰتٍ عَٰبِدَٰتٖ سَٰٓئِحَٰتٖ ثَيِّبَٰتٖ وَأَبۡكَارٗا

Yoo inni isin hiike, Gooftaan isaa niitolee kan isin irra caalan bakka isaaf buusuun ni kajeelama. (kan) Muslimoota, mu’uminoota, ajajamtoota, toobbattoota, (Rabbiin) gabbartoota, soomantoota, kan beeraa (gursummeeyyii)fi durba ta'an.