Skip to content
Surah List /

الطَّلَاق

الطَّلَاق is chapter 65 of the Quran and has 12 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

12 Ayahs Surah No. 65
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِيُّ إِذَا طَلَّقۡتُمُ ٱلنِّسَآءَ فَطَلِّقُوهُنَّ لِعِدَّتِهِنَّ وَأَحۡصُواْ ٱلۡعِدَّةَۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ رَبَّكُمۡۖ لَا تُخۡرِجُوهُنَّ مِنۢ بُيُوتِهِنَّ وَلَا يَخۡرُجۡنَ إِلَّآ أَن يَأۡتِينَ بِفَٰحِشَةٖ مُّبَيِّنَةٖۚ وَتِلۡكَ حُدُودُ ٱللَّهِۚ وَمَن يَتَعَدَّ حُدُودَ ٱللَّهِ فَقَدۡ ظَلَمَ نَفۡسَهُۥۚ لَا تَدۡرِي لَعَلَّ ٱللَّهَ يُحۡدِثُ بَعۡدَ ذَٰلِكَ أَمۡرٗا

Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoota hiiktan, 'Iddaa' isaaniitiin isaan hiikaa Iddaas lakkaa'aa. Rabbii Gooftaa keessan sodaadhaa. manneen isaanii irraa isaan hin baasinaa isaanis hin ba'in, Yoo badii fokkataa ifa ta'een dhufan malee. Sun daangaawwan Rabbiiti. Namni daangaawwan Rabbii tare, dhugumatti inni lubbuu isaa miidheera. Yoo tasa Rabbiin san booda dhimma haara'a (walitti deebi'uu gidduu keessanitti) uume hin beektu.

فَإِذَا بَلَغۡنَ أَجَلَهُنَّ فَأَمۡسِكُوهُنَّ بِمَعۡرُوفٍ أَوۡ فَارِقُوهُنَّ بِمَعۡرُوفٖ وَأَشۡهِدُواْ ذَوَيۡ عَدۡلٖ مِّنكُمۡ وَأَقِيمُواْ ٱلشَّهَٰدَةَ لِلَّهِۚ ذَٰلِكُمۡ يُوعَظُ بِهِۦ مَن كَانَ يُؤۡمِنُ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِۚ وَمَن يَتَّقِ ٱللَّهَ يَجۡعَل لَّهُۥ مَخۡرَجٗا

Yeroo beellama isaanii ga'an haala gaariin isaan qabadhaa yookiin haala gaariin isaaniin adda ba'aa, Isin irraa warra haqaa (nama) lama ragaa godhaa (Warri ragaa baatanus) Rabbiif jedhaatii ragaa sirreessaa. Namni Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amanu ta'e kanaan gorfama. Namni Rabbiin sodaatu (Rabbis) karaa bahiinsaa isaaf godha.

وَيَرۡزُقۡهُ مِنۡ حَيۡثُ لَا يَحۡتَسِبُۚ وَمَن يَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱللَّهِ فَهُوَ حَسۡبُهُۥٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ بَٰلِغُ أَمۡرِهِۦۚ قَدۡ جَعَلَ ٱللَّهُ لِكُلِّ شَيۡءٖ قَدۡرٗا

Bakka inni hin yaadin irraayis isa soora. Nama Rabbi irratti hirkatuuf Inni isaaf ga'aadha, Rabbiin ajaja isaa bakkaan ga'aadha. Dhugumatti Rabbiin waan hundaafuu yeroo murtaawaa taasiseera.

وَٱلَّٰٓـِٔي يَئِسۡنَ مِنَ ٱلۡمَحِيضِ مِن نِّسَآئِكُمۡ إِنِ ٱرۡتَبۡتُمۡ فَعِدَّتُهُنَّ ثَلَٰثَةُ أَشۡهُرٖ وَٱلَّٰٓـِٔي لَمۡ يَحِضۡنَۚ وَأُوْلَٰتُ ٱلۡأَحۡمَالِ أَجَلُهُنَّ أَن يَضَعۡنَ حَمۡلَهُنَّۚ وَمَن يَتَّقِ ٱللَّهَ يَجۡعَل لَّهُۥ مِنۡ أَمۡرِهِۦ يُسۡرٗا

Dubartoota keessan irraa isaan xurii laguu (haydii) irraa guddatan yoo shakkitan iddaan isaanii ji'a sadi Isaan haydii arguu hin jalqabinis (akkasuma). Warri ulfa ta'an immoo baallamni isaanii ulfa isaanii da'uudha. Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) dhimma isaa irraa laafina isaaf godha.

ذَٰلِكَ أَمۡرُ ٱللَّهِ أَنزَلَهُۥٓ إِلَيۡكُمۡۚ وَمَن يَتَّقِ ٱللَّهَ يُكَفِّرۡ عَنۡهُ سَيِّـَٔاتِهِۦ وَيُعۡظِمۡ لَهُۥٓ أَجۡرًا

Kun ajaja Rabbii kan gara keessanitti isa buuseedha. Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) badiilee isaa isa irraa harcaasa mindaas isaaf guddisa.