Skip to content
البَقَرَة /

Ayah 253

2 : 253

Ayah 253 of البَقَرَة (2 : 253). This page carries the verse in the Uthmani script with a translation of its meaning, at a stable URL that can be cited on its own.

البَقَرَة Ayahs 286
2 : 253

۞ تِلۡكَ ٱلرُّسُلُ فَضَّلۡنَا بَعۡضَهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖۘ مِّنۡهُم مَّن كَلَّمَ ٱللَّهُۖ وَرَفَعَ بَعۡضَهُمۡ دَرَجَٰتٖۚ وَءَاتَيۡنَا عِيسَى ٱبۡنَ مَرۡيَمَ ٱلۡبَيِّنَٰتِ وَأَيَّدۡنَٰهُ بِرُوحِ ٱلۡقُدُسِۗ وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ مَا ٱقۡتَتَلَ ٱلَّذِينَ مِنۢ بَعۡدِهِم مِّنۢ بَعۡدِ مَا جَآءَتۡهُمُ ٱلۡبَيِّنَٰتُ وَلَٰكِنِ ٱخۡتَلَفُواْ فَمِنۡهُم مَّنۡ ءَامَنَ وَمِنۡهُم مَّن كَفَرَۚ وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ مَا ٱقۡتَتَلُواْ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ يَفۡعَلُ مَا يُرِيدُ

Ergamoota kana garii isaanii garii irra caalchifne. Isaan irraa nama Rabbiin ittiin dubbatetu jira. Garii isaaniis sadarkaa heddu ol kaase. Iisaa ilma Maryamiif ragaawwan ifa ta’an kenninee jirra. Ruuhii qulqulluun (Jibriiliin) isa jajjabeessine. Odoo Rabbiin fedhee, warri booda isaanii erga ragaawwan ifa taate isaanitti dhuftee booda wal hin lolan turan. Garuu isaan wal dhabani. Isaan irraa namni amane ni jira; isaan irraas kan kafare ni jira. Odoo Rabbiin fedhee, wal hin lolan. Garuu Rabbiin waan fedhe hojjata.