Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

7 of 559 cards

Clear filters
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara yamanitti isa erganii, dhugaatii achitti hojjatamu irraa, maali isiin? jedhanii isa gaafatani, innis, «Bit'ii fi Mizriidha» jedhe, achumaan Abuu Burdaadhaan, bit'iin maali? jedhameen, innis "Bulbula dammaati, Mizriin immoo: bulbula garbuuti" jedhe, Isaanis ni jedhani: «wanti macheessu hundi haraama». Bukhaariitu gabaase.
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
«Wanti nama macheessu hundi farshoodha, wanti nama macheessu hundinuu ammoo haraama, namni addunyaa tana irratti farshoo dhugee osoo irraa hin towbatin araada itti tahee du'e, inni Aakhiratti ishee hin dhugu».
Sahiiha Muslimtu gabaase, Bukhaariin immoo jechattii xumuraa isa irraa tahe keessatti gabaase
«Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera, yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatanis gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u, billaa isaa haa qarfatu, waan gorra'u sanas haa boqachiisu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Hunda bineensa qarrinffaa qabu irraa dhoorganii jiru, akkasumas hunda allaattii qeensa qabu irraas.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hoolaa buburree gaafa qabu lama uduuhiyyaaf qalani, miila isaanii morma hoolaa irra kaa'anii bismillaahi Allaahu Akbar jechaa harka ofiitiin gorra'ani.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbii fi Ergamaan isaa farsoo, du'aa, karkarroo fi taabota gurguruu haraama taasisanii jiru», yaa ergamaa Rabbii, moora du'aa yoo ta'e hoo, Dooniitu isaan dibamee haguugama, gogaatu isaan dibama, namoonnis isaan ifaa ibsatu? jedhameen, isaanis ni jedhani: «Lakki, inni haraama», eegasii ergamaan Rbbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeruma sanatti akkas jedhani: «Rabbiin yahuudota irratti lola haa labsu, yeroo Rabbiin moora du'aa haraama isaan irratti taasise, isaan immoo isa baqsanii eegasii isa gurguranii maallaqa isaa nyaatani».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatan gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u billaa isaa haa qarfatu, gorra'amaa isaa haa boqachiisu".
Sahiiha Muslimtu gabaase