Skip to content

Hunda bineensa qarrinffaa qabu irraa dhoorganii jiru, akkasumas hunda allaattii qeensa qabu irraas.

Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

Hunda bineensa qarrinffaa qabu irraa dhoorganii jiru, akkasumas hunda allaattii qeensa qabu irraas.

نَهَى عَنْ كُلِّ ذِي نَابٍ مِنَ السِّبَاعِ، وَعَنْ كُلِّ ذِي مِخْلَبٍ مِنَ الطَّيْرِ.

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hunda bineensa karaa qarrinffaa isaatiin adamsuu nyaachuu irraa dhoorgani, akkasuma hunda allaattii qeensa isaatiin qabuu fi kutu nyaachuus dhoorganiiru.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Islaamumaan waan hunda keessatti, nyaata, dhugaatii fi kan biroo keessatti gaggaarii filachuu isaa.

Waan nyaatamu keessatti bu'uurri halaala; haraama ta'uu isaa irratti ragaan waan akeeke malee.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (3/ 1534) (1934).

Dabalata (9)

سبل السلام شرح بلوغ المرام.

للصنعاني (2/ 506).

توضيح الأحكام مِن بلوغ المرام.

لعبد الله البسام (7/ 5).

فتح ذي الجلال والإكرام شرح بلوغ المرام.

لابن عثيمين (6/ 6).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (9/ 173).

فتاوى اللجنة الدائمة - المجموعة الأولى (22/ 290).