Skip to content

"Hattuun hamaan nama salaata hatuu dha", ni jedhe :akkmitti salaata isaa hata? ni jedhan: "Rukuu'as ta'ee sujuuda isaa hin guutu".

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee, Rabbiin irraa haa jaallatu, akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:

"Hattuun hamaan nama salaata hatuu dha", ni jedhe :akkmitti salaata isaa hata? ni jedhan: "Rukuu'as ta'ee sujuuda isaa hin guutu".

«أَسْوَأُ النَّاسِ سَرَقَةً الَّذِي يَسْرِقُ صَلَاتَهُ» قَالَ: وَكَيْفَ يَسْرِقُ صَلَاتَهُ؟ قال: «لَا يُتِمُّ رُكُوعَهَا، وَلَا سُجُودَهَا».

Ibnu Hibbaantu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni baay’ee fokkataan hattuu salaata isaa irraa hatu akka ta’e ibsaniiru. hattuu kana kan adda taasisu, qarshii nama biraa fudhachuun addunyaa kana irratti fayyadamuu danda'a. Sababni isaas mindaa fi ajrii ofii argachuu qabu hate waan ta'eef jecha, ni jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii akkamitti namni salaata ofii hata? Isaanis: Rukuu'aa fi sujuuda salaataa hin guutu; sunis rukuu'a fi sujuuda keessatti ariifatuuni, akkataa barbaadameen isaan hin raawwatu.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Barbaachisummaa salaata tolfachuu fi tasgabbii fi khushuu'a eeggatanii utubaawwan isiitin dhufuun qabuudha.

Nama rukuu'a fi sujuuda sirnaan hin raawwanne bifa hattuutin ibsuun waan kanarraa akeekkachiisuu fi akka dhoorgaa ta'e ibsuudha.

Salaata kessatti rukuu'a fi sujuuda guutuu fi isaan keessatti sirnaan ol jedhanii raawwachuun dirqama ta'uudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Ibnu Hibbaan (5/ 209) (1888).

Dabalata (4)

الشّافي في شرح مسند الشّافعي (1/613).

الكاشف عن حقائق السنن (3/1020).

التنوير (2/373).

نيل الأوطار (2/ 311).