«Beekaatti ittiin dhaaddachuuf jecha beekumsa hin baratinaa, gowwootas ittiin falmuuf jechas hin baratinaa
Jaabir bin Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan:
«Beekaatti ittiin dhaaddachuuf jecha beekumsa hin baratinaa, gowwootas ittiin falmuuf jechas hin baratinaa, akkasumas waltajjiitti ittiin filatamuuf jechas hin baratinaa, namni sana hojjate ibiddatu isaaf jira, ibiddatu isaaf jira».
«لَا تَعَلَّمُوا الْعِلْمَ لِتُبَاهُوا بِهِ الْعُلَمَاءَ، وَلَا لِتُمَارُوا بِهِ السُّفَهَاءَ، وَلَا تَخَيَّرُوا بِهِ الْمَجَالِسَ، فَمَنْ فَعَلَ ذَلِكَ، فَالنَّارُ النَّارُ».
nabiyyiin beekaatti ittiin dhaaddachuu, isaaniin dorgomuu fi anis beekaa akka keessaniiti jedhee of mul'isuuf jecha beekumsa, barbaaduu irraa sodaachisani, akkasuma gowwootaa fi wallaaltota ittiin falmuuf jecha yookaan immoo woltajjii irratti duree ta'ee namoota dursee dursi akka kennamuuf jecha barachuu irraa sodaachisani. namni waan sana hojjate; agarsiifannaa isaatii fi beekumsa Rabbiif barbaadamu keessatti ikhlaasa dhabuu isaatiin dhugumatti inni ibidda haqa godhataadha.
...:
ittiin dhaaddachuuf jecha yookaan ittiin falmuuf jecha yookaan waltajjii irratti duree ta'uuf jecha nama beekumsa barate ibiddaan dinniinuudha.
nama beekumsa baratee barsiisuuf barbaachisummaa ikhlaasaati.
niyyaan bu'uura hojiiti, mindaanis isii irratti hundaa'ee ta'aadha.
Sunana Ibnu Maajaa (1/ 170) (254).
Dabalata (2)
مرشد ذوي الحجا والحاجة (2/378).
مشارق الأنوار الوهاجة ومطالع الأسرار البهاجة في شرح سنن الإمام ابن ماجه (4/ 482).