Skip to content

«Rabbiin ol ta'e worra jannataatiin ni jedha: yaa worra jannataa? Rabbii keenya siif owwaanne si gammachiifne jedhu, Rabbiinis ni jedha: jaallatanii? isaanis ni jedhu: akkamitti jaallachuu dhabna atoo waan uumama kee tokkof hin kennine dhugaatti nuuf kennitee hoo?

Abuu sa'iid Al-khudurii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Rabbiin ol ta'e worra jannataatiin ni jedha: yaa worra jannataa? Rabbii keenya siif owwaanne si gammachiifne jedhu, Rabbiinis ni jedha: jaallatanii? isaanis ni jedhu: akkamitti jaallachuu dhabna atoo waan uumama kee tokkof hin kennine dhugaatti nuuf kennitee hoo? Rabbiinis ni jedha: ani waan sana caalun isinif keenna, isaanis ni jedhani: yaa Rabbi, maaltu sana caala? Rabbiinis ni jedha: jaalala koon isinitti uffisa booda isaatii yoomuu isinitti hin dallanu».

«إِنَّ اللَّهَ تَبَارَكَ وَتَعَالَى يَقُولُ لِأَهْلِ الجَنَّةِ: يَا أَهْلَ الجَنَّةِ؟ فَيَقُولُونَ: لَبَّيْكَ رَبَّنَا وَسَعْدَيْكَ، فَيَقُولُ: هَلْ رَضِيتُمْ؟ فَيَقُولُونَ: وَمَا لَنَا لاَ نَرْضَى وَقَدْ أَعْطَيْتَنَا مَا لَمْ تُعْطِ أَحَدًا مِنْ خَلْقِكَ؟ فَيَقُولُ: أَنَا أُعْطِيكُمْ أَفْضَلَ مِنْ ذَلِكَ، قَالُوا: يَا رَبِّ، وَأَيُّ شَيْءٍ أَفْضَلُ مِنْ ذَلِكَ؟ فَيَقُولُ: أُحِلُّ عَلَيْكُمْ رِضْوَانِي، فَلاَ أَسْخَطُ عَلَيْكُمْ بَعْدَهُ أَبَدًا».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e worra jannataatiin isaanii jannata keessa jiruu: yaa worra jannataa jedhee akka waamu himani, isaanis Rabbii keenya siif owwaanne si gammachiifne jechuun debisuufi, Rabbiinis jaallatanii isaaniin jedha? isaanis: eeyyen jaallanne jedhu; atoo waan uumama kee tokkoof hin kennine nuuf kennitee hoo maaliif hin jaallanne! Rabbiin qulqullaa'e ni jedha: kan isa caaluu isiniif kennuu? yaa Rabbi maaltu sana irra caala?! jedhu, Rabbiinis akkas jedhaan: itti fufaan jaalala kootiin isin irratti buusa; booda isaatii tasuma isinitti hin dallanu.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Haasawa Rabbiin worra jannataa woliin akka godhuudha.

isaan irraa jaallachuun gammachuu Rabbiin worra jannataa gammachiise, jaalala isaa isaan uffisuu fi yoomiyyuu isaanitti dallanuu dhabuu isaa.

worri jannataa qubsumni isaanii wol dhabuu fi sadarkaan isaanii addaa adda ta'uu isaa woliin hunduu haala keessa jiru jaallachuu isaa; hunduu waan jecha tokkoon, "waan uumama kee tokkoof hin kennine nuuf kennite" jedhanii deebisaniif jecha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (8/ 114) (6549).

Sahiiha Muslim (4/ 2176) (2829).

Dabalata (6)

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين.

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

مجموعة من الباحثين (2/ 1293).

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (3/ 348).