Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

12 of 559 cards

Clear filters
"Dirqamummaa isaa amanee akkasuma mindaa isaa Rabbiin irratti herregatee namni ji'a Ramadaanaa soome badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namichi wohii Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun gaafate: Mee naaf himaa! salaatowwan dirqama ta'an salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es yoon haraama godhee, sana irratti yoon homaa dabaluu dhabe, jannata nan seenaa? Ergamaanis: «Eeyyeen» jedhan.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Rabbiin akkas jedhe: Sooma malee hojiin ilma Aadam hundi isaaf ta’a, soomni anaaf ta'a, anaatu isaan mindeessa, Soomni gaachana, Guyyaan sooma tokkoo keessanii yeroo argame, waan hin taane hin haasa'in, hin iyyin, namni tokko yoo isa arrabse, ykn yoo loleen ani sooma qaba haa jedhuun, Isa Nafseen Muhammad harka isaa jirtuun kakadhee, urgaa afaan nama soomanaatu urgooftuu miskii caalaa Rabbi biratti urgaaya, nama soomuf gammachuu lamaatu jira: Yeroo sooma hiike ni gammada, yeroo Rabbii isaa qunname sooma isaatin gammada».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni baasii nikaa danda'e haa fuudhu, inni ija gadi qabaaf, akkasumas qaama saalaa eegaadha, namni hin dandeenye immoo haa soomu, inni isaaf kolaasaadha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan yeroo biraa hin tattaafanne ji'a Ramadaanaa irraa kurnan boodaa keessatti kan tattaaffii godhan turan.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Yeroo isa argitan soomaa, ammas yeroo isa argitan sooma keessan hiikaa, yoo duumessa ta’e immoo tilmaaman deemaa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase