Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

9 of 559 cards

Clear filters
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti namichi wahii kan halkan isaa guutuu hanga ganamatti rafe dubbatamee jennaan, akkana jedhan: «Suni nama gurra lamaan isaa keessatti sheyxaanni fincaa'e, ykn akkas jedhan: gurra isaa keessatti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Jidduu namichaatti fi jidduu shirkii fi kufritti salaata dhiisuutu jira”.
Sahiiha Muslimtu gabaase
“Kakuun jidduu nuu fi isaanii jiru salaata, namni isa dhiise dhugumatti kafare”.
Sahiiha Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
"Ijoolleen keessan yeroo waggaa torba ta’an akka salaata jalqaban isaan ajajaa, yeroo waggaa kudhan guutan immoo (yoo didan) isaan rukutaa, eddoo hirriibaa irrattis addaan isaan baasaa".
Hasani Abuu Daawuudtu gabaase
“Namni salaata tokko irraanfate yeroo isa yaadatetti haa salaatu, san malee bakka bu'aan isaaf hin jiru: {Salaata na yaadachuuf dhaabi} [Xaaha: 14].”
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
Salaata asriitti daddafaa yeroon salaataa, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni salaata Asrii dhiise dhugaatti hojiin isaa jalaa bade».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase