Skip to content

“Kakuun jidduu nuu fi isaanii jiru salaata, namni isa dhiise dhugumatti kafare”.

Bureydaa irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan:

“Kakuun jidduu nuu fi isaanii jiru salaata, namni isa dhiise dhugumatti kafare”.

«إِنَّ الْعَهْدَ الَّذِي بَيْنَنَا وَبَيْنَهُمُ الصَّلَاةُ، فَمَنْ تَرَكَهَا فَقَدْ كَفَرَ».

Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- kakuun jidduu muslimootaa fi jidduu namoota biroo kaafiroota fi munaafiqoota irraa salaata akka ta'ee fi namni isa dhiise akka dhiise dhugumatti akka kafaru ibsaniiru.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Dhimmi salaataa guddaa ta'uu fi salaanni garaagarummaa jidduu mu'uminaa fi jidduu kaafiratti jiru akka ta'eedha.

Murtiin Islaamaa keessoo nama tokkoo osoo hin taane haala alaatiin akka mirkanaa’uudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Nasaa'ii (1/ 231) (463).

Sunana Tarmizii (4/ 365) (2621).

Sunana Ibnu Maajaa (2/ 181) (1079).

Musnada Ahmad (38/ 20) (22937).

Dabalata (2)

فيض القدير (4/ 395).

ذخيرة العقبى في شرح المجتبى (6/ 192) (6/ 193).