Skip to content
Surah List /

الأحقَاف

الأحقَاف is chapter 46 of the Quran and has 35 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

35 Ayahs Surah No. 46
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ

Buufamiinsi kitaabaa (Qur’aanaa) Rabbii injifataa, ogeeysa ta’e irraayi.

مَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَآ إِلَّا بِٱلۡحَقِّ وَأَجَلٖ مُّسَمّٗىۚ وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ عَمَّآ أُنذِرُواْ مُعۡرِضُونَ

Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jiranis dhugaafi yeroo beekamaa ta’eef malee hin uumne. Isaan kafaran waan ittiin sodaachifaman irraa garagaloodha.

قُلۡ أَرَءَيۡتُم مَّا تَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَرُونِي مَاذَا خَلَقُواْ مِنَ ٱلۡأَرۡضِ أَمۡ لَهُمۡ شِرۡكٞ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِۖ ٱئۡتُونِي بِكِتَٰبٖ مِّن قَبۡلِ هَٰذَآ أَوۡ أَثَٰرَةٖ مِّنۡ عِلۡمٍ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ

(Yaa Muhammad!) jedhi: “wantoota Rabbiin ala gabbartan naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman natti agarsiisaa. Moo samiilee keessatti shariikummaan isaaniif jira? mee kitaaba (Qur’aana) kana dura (bu’e) yookiin hambaa beekumsa durii wahii naaf dhiyeessaa Yoo dhugaa dubbattoota taataniif.”

وَمَنۡ أَضَلُّ مِمَّن يَدۡعُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَن لَّا يَسۡتَجِيبُ لَهُۥٓ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ وَهُمۡ عَن دُعَآئِهِمۡ غَٰفِلُونَ

Nama Rabbiin ala waan hanga Guyyaa Qiyaamaatti homaa isaaf hin owwaanneefi isaan kadhaa isaanii irraa dagatoo ta’an gabbaru caalaa jallataan eenyu?

Explanation & meanings · 1
  1. hiikkaan kanaa homa gonkumaa isaaniif awwaachuu hin dandayan jechuudha.