Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

4 of 559 cards

Clear filters
“Namni dubartii abbaan manaa irraa du’ee fi nama rakkate kunuunsu, akka nama karaa Rabbii irratti qabsaayuuti, ykn akka nama halkan dhaabatee guyyaa soomuuti”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Gosoonni hojiiwwananii jaha, gosoonni namootaa afuri, (gosti hojiiwwanii) lama dirqamsiiftuudha, fakkaataa fakkaataadhaan mindeessuu, toltuun fakkaattii isii kudhaniinii fi toltuun tokko dhibba torbaaniidha, Dirqamsiiftuun lameen: namni osoo waan tokkoollee Rabbitti hin qindeessin du'e jannata seene, namni haala waan tokko Rabbitti qindeessuun du'e ibidda seene, fakkaataa fakkaataan mindeessuun immoo: namni hanga qalbiin isaa beekuttii fi murannoo isaa Rabbiin irraa beekutti toltuu hojjachuu kan yaade toltuu tokkotu isaaf barreeffama, namni hamtuu hojjate hamtuu tokkotu isa irratti barreeffama, namni toltuu tokko hojjate fakkaattii isaa kudhaniin isaaf barreeffama, namni kennaa tokko karaa Rabbii irratti kenne toltuun tokko dhibba torbaan isaaf qabama, Namoonni afran immooo, tokko kan duuniyaa irratti isatti bal'ifamee Aakhiraatti immoo isatti dhiphifamuudha, tokko immoo duuniyaa irratti kan isatti dhiphifamee Aakhiraatti immoo isatti bal'ifamuudha, tokko immoo duuniyaa fi Aakhiraatti kan isatti dhiphifamuudha, tokko immoo duuniyaa fi Aakhiraatti kan isatti bal'ifamuudha".
Hasani Ahmadtu gabaase
«Irra caalaan Diinaara namichi baasuu Diinaara maatii isaaf baasu, Diinaara namichi karaa Rabbii irratti yaabbii isaaf baasuu fi Diinaara karaa Rabbii keessatti hiriyyoota isaaf baasuudha» Abuu Qilaabaan akkas jedhe: maatiin jalqaban, Ergasii Abuu Qilaabaan akkas jedhe: Nama ijoollee xixiqqoo maatii isaa irratti qabeenya baasu, kan nama kadhachuu irraa tiksu, ykn kan Rabbiin isaan isaan fayyadee isaan duroomsu irra nama kamtu mindaa guddaa qaba?
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, waan yoo isa hojjattan wal jaallattanitti isin qajeelchuu? salaamtaa gidduu keessanitti waliin jechuu heddummeessaa”.
Sahiiha Muslimtu gabaase