Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

3 of 559 cards

Clear filters
"Ruqaan, hirzii fi jaallachiistuun shirkiidha".
Sahiiha Abuu Daawuud, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
«Harka kee qaama kee irraa bakka dhukkubbiin sitti dhagahamu irra kaa’ii, akkana jedhi: Bismillaah" Maqaa Rabbiitin, yeroo sadii, ergasii yeroo torba akkana jedhi: "Hammeenya na mudatee fi sodaadhu irraa Rabbii fi dandeettii isaatti maganfadha».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Boru alaabaa kana nama Rabbiin harka isaa irratti injifannoo fidutti, kan inni Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallatu, Rabbii fi Ergamaanis kan isa jaallattanittin kenna». ni jedhe (Sahl): ummanni isaan keessaa isa kamitti kennama jedhanii yaaduudhaan halkan sana dabarsan, Yeroo bari'u ummanni gara Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hundi isaanii akka kennamuuf abdatanii deeman, ni jedhan (Rasuul sallallaahu aleyhi wasallam): «Aliyyi bin Abii Xaalib eessa jira?» ni jedhame: Inni yaa Ergamaa Rabbii ija isaa lamaan dhukkuba, ni jedhan: «Nama itti ergaa», isaan dhufamee, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ija isaa lamaan keessatti tufanii isaaf du'aa'ii godhanii, akka waan dhukkubbiin tokkolleen isa mudatee hin beekneetti fayye, ergasii alaabaa itti kennan, Aliyyis akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii hanga isaan nuun tokko ta'anitti isaanin nan lolaa? isaanis ni jedhan: «suuta jedhi, hanga eddoo isaanii keessa qubattutti, achiis gara Islaamummaatti isaan waami, Haqa Rabbii kan Islaamummaa keessatti isaan irratti dirqama ta'u itti himi, Rabbiin kakadhee gaala diimaa qabaachuu irra nama tokko Rabbiin sababaa keetin qajeelchuutu siif caala».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan