Skip to content

«Namni kitaaba Rabbii irraa qubee tokko dubbise, isaan mindaa tokko qaba, mindaan tokko immoo fakkaattii isii kudhaniini

Abdullaah ibnu Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Namni kitaaba Rabbii irraa qubee tokko dubbise, isaan mindaa tokko qaba, mindaan tokko immoo fakkaattii isii kudhaniini, {Alif Laam Miim) jechuun qubee tokko hin jedhu, garuu {Alif} qubee tokko, {Laam} is qubee tokko, {Miim} is qubee tokko».

«مَنْ قَرَأَ حَرْفًا مِنْ كِتَابِ اللهِ فَلَهُ بِهِ حَسَنَةٌ، وَالْحَسَنَةُ بِعَشْرِ أَمْثَالِهَا، لَا أَقُولُ {الم} حَرْفٌ، وَلَكِنْ {أَلِفٌ} حَرْفٌ، وَ{لَامٌ} حَرْفٌ، وَ{مِيمٌ} حَرْفٌ».

Tirmiziitu gabaase
Hasani
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslmni Qur'aana Rabbii irraa qubee tokko dubbisu hundi isaan mindaa tokko akka qabu himani, mindaan sun immoo hanga fakkaattii kudhaniitti dachaa isaaf taasifama. Eegasii jecha isaanii: (Alif Laam Miim qubee tokko hin jedhu, garuu Alif qubee tokko, Laam qubee tokko, Miim qubee tokko) jedhuun sana ibsani: qubeen sadeen mindaa soddoma kan qabaatu ta'a.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Qur'aana dubbisuu heddummeessuutti kakaasuutu keessa jira.

Nama Qur'aana dubbisuuf hunda jecha dubbiisuu keessatti tokko tokkoo qubee dubbisuutiin mindaa tokko kan kudhaniin dachaa ta'uutu isaaf jira.

Rahmanni Rabbiitii fi arjummaan isaa bal'aa ta'uu isaa agarsiisa, tolaa fi arjummaa isa irraa ta'een gabrootaaf mindaa dachaa waan godheefi.

Sadarkaa Qur'aanni haasawa biraa irra qabuudha, dubbisa isaatiin Rabbiin gabbaruu; sun immoo kan ta'e haasawa Rabbii ol ta'ee waan ta'eef jecha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Tarmizii (5/ 33) (2910).

Dabalata (8)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (2/ 229).

سلسلة الأحاديث الصحيحة.

للألباني (7/ 970).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (4/ 655).

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمصطفى الخِن وغيره (1/ 742).