Skip to content

Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kanaa argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan

Jariir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaalatu- ni jedhe:

Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira turree, halkan tokko -isheen halkan kudha afraffaati- gara ji'aa ilaalanii, akkas jedhan: "Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kanaa argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan. Yoo salaata osoo aduun hin bahinii fi osoo hin lixinii irratti moo'atamuu dhabuu dandeessan, hojjadhaa, eegasii ni qara'an: "{Osoo aduun hin bahinii fi osoo aduun hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}".

كُنَّا عِنْدَ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَنَظَرَ إِلَى الْقَمَرِ لَيْلَةً -يَعْنِي الْبَدْرَ- فَقَالَ: «إِنَّكُمْ سَتَرَوْنَ رَبَّكُمْ كَمَا تَرَوْنَ هَذَا الْقَمَرَ، لَا تُضَامُونَ فِي رُؤْيَتِهِ، فَإِنِ اسْتَطَعْتُمْ أَنْ لَا تُغْلَبُوا عَلَى صَلَاةٍ قَبْلَ طُلُوعِ الشَّمْسِ وَقَبْلَ غُرُوبِهَا فَافْعَلُوا» ثُمَّ قَرَأَ: «{وَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ قَبْلَ طُلُوعِ الشَّمْسِ وَقَبْلَ الْغُرُوبِ}»

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Sahaabonni halkan tokko Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin turan, isaan gara ji'aa - halkan kudha afraffaa- ilaalanii, akkana jedhan: Mu’umintoonni Rabbii isaanii arguu keessatti osoo waan biraatti hin fakkaatin, osoo ofii isaanitii wal hin rakkisin, osoo cinqii fi rakkoon tokko isaan hin mudatin arguuf taa'an. Eegasii Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: Sababoota salaata fajrii fi asrii irraa isin dhoorgan muruu yoo dandeessan hojjadhaa, isaan lameenuu guutuu haala ta'aniin yeroo isaanitittii fi jama'aa waliin salaataa, sun sababoota fuula Rabbii ol ta'ee ittiin ilaaltan keessaa isa tokkoodha. Eegasii Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Aayaa tana qara'an:- {Osoo aduun hin bahinii fi osoo isheen hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Rabbii ol ta'e jannata keessatti arguuf gammachuu warra iimaanati.

Maloota da'awaa keessaa: jajjabeessuu, hawwisiisuu fi fakkeenya kennuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 115) (554).

(6/ 139) (4851).

Sahiiha Muslim (1/ 439) (633).

Dabalata (12)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (2/ 259).

تذكرة المؤتسي شرح عقيدة الحافظ عبد الغني المقدسي.

لعبدالرزاق البدر (ص177).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (6/ 734).

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمصطفى الخِن وغيره (2/ 776).

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (13/ 271).

تطريز رياض الصالحين.

لفيصل آل مبارك (ص1091).