Skip to content

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaanii seenan akkana jedhu ture: “Yaa Rabbi ani sheyxaana dhiirotaati fi sheyxaana dubartootaa irraan sitti majanfadha".

Anas irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatuu- akkas jedhe:

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaanii seenan akkana jedhu ture: “Yaa Rabbi ani sheyxaana dhiirotaati fi sheyxaana dubartootaa irraan sitti majanfadha".

كَانَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ إِذَا دَخَلَ الخَلاَءَ قَالَ: «اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الخُبُثِ وَالخَبَائِثِ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- fincaan haa ta'uu yokaan sagaraa bakka itti haajaa isaanii baafachuu barbaadan yeroo seenuu fedhan akka Rabbiin hamtuu sheyxaana kormaafii dhalaa irraa isaan tiksu Rabbitti kan majanfatan ta'an, Ammallee jechi "Al-kubus" fi "wal kabaa'isa" jedhu wantoota hamtuu fi najisoowwanitti hiikameera.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Du'aa'ii kana yeroo mana fincaanii seenuu barbaadanitti jechuun sunnaa ta'uudha.

Uumamni hundinuu haala isaanii hunda keessatti waan isaan rakkisu ykn isaan miidhu ofirraa deebisuu keessatti gara Rabbii isaanitti haajamoodha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 40) (142).

Sahiiha Muslim (1/ 283) (375).

Dabalata (4)

الإلمام بشرح عمدة الأحكام.

لإسماعيل الأنصاري (1/ 23).

تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.

للبسام (ص36).