"Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:
"Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura, nama nama rakkatetti laaffise Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isatti laaffisa, nama muslima tokko sattare Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isa sattara, hanga garbichi obboleessa isaa gargaaruu irra jiraatetti Rabbiinis gargaarsa garbicha isaa irra jira, beekumsa barbaachaaf jecha nama karaa bu'e Rabbiin isaan karaa jannataa isaaf laaffisa, hawaasni tokko kitaaba Rabbii qara'uu fi gidduu isaaniitti wol barsiisuuf jecha manneen Rabbii keessaa mana tokkotti wolitti qabamaniiru taanan hanga tasgabbiin isaan irratti bu'ee, rahmanni isaan haguugee, malaa'ikaan isaan marsitee, Rabbiin worra isa bira jiranu biratti isaan dubbatu malee hin hafu, nama hojiin isaa booda isa aanse firri isaa isa ariifachiisuu hin danda'u".
«مَنْ نَفَّسَ عَنْ مُؤْمِنٍ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ الدُّنْيَا نَفَّسَ اللهُ عَنْهُ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ يَوْمِ الْقِيَامَةِ، وَمَنْ يَسَّرَ عَلَى مُعْسِرٍ يَسَّرَ اللهُ عَلَيْهِ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ، وَمَنْ سَتَرَ مُسْلِمًا سَتَرَهُ اللهُ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ، وَاللهُ فِي عَوْنِ الْعَبْدِ مَا كَانَ الْعَبْدُ فِي عَوْنِ أَخِيهِ، وَمَنْ سَلَكَ طَرِيقًا يَلْتَمِسُ فِيهِ عِلْمًا سَهَّلَ اللهُ لَهُ بِهِ طَرِيقًا إِلَى الْجَنَّةِ، وَمَا اجْتَمَعَ قَوْمٌ فِي بَيْتٍ مِنْ بُيُوتِ اللهِ يَتْلُونَ كِتَابَ اللهِ وَيَتَدَارَسُونَهُ بَيْنَهُمْ إِلَّا نَزَلَتْ عَلَيْهِمِ السَّكِينَةُ، وَغَشِيَتْهُمُ الرَّحْمَةُ، وَحَفَّتْهُمُ الْمَلَائِكَةُ، وَذَكَرَهُمُ اللهُ فِيمَنْ عِنْدَهُ، وَمَنْ بَطَّأَ بِهِ عَمَلُهُ لَمْ يُسْرِعْ بِهِ نَسَبُهُ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mindaan muslimaa Rabbiin biratti fakkaataa waan muslmni muslimootaa waliin hojjatuutiin akka ta'e ibsani; namni mu'umina afuura fudhachiisee, furmaata isaa buusee rakkoo fi hammeenya duuniyaa isa irraa deemsisee isa irraa kaase, Rabbiin rakkinoota guyyaa qiyaamaa irraa rakkina tokko isa irraa furuun isa mindeessa. Namni rakkataatti laaffisee isatti salphisee rakkina isa irraa deemsise, Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isatti laaffisa. Mucucaa fi badii irraa waan isa ifa baasuun hin barbaachifne namni muslima tokko irratti argee isa isaaf dhokse, Rabbiin duuniyaa fi Akiraatti isaaf dhoksa. Hanga garbichi obboleessa isaa bu'aa isaa diinii fi duuniyaa keessatti gargaaruuf bobba'eera ta'etti, Rabbiin garbicha isaatiif gargaaraa ta'aaf, gargaarsi du'aa'ii, qaama, qabeenyaa fi waan birootiin ta'a. Haala deemsa isaatiin fuula Rabbii ol ta'ee barbaadeen namni beekumsa shari'aa argachuuf deeme; Rabbiin isaan karaa jannataa isaaf laaffisa. Namoonni wohii manneen Rabbii keessaa mana tokko keessatti wolitti qabamanii, Qur'aana Rabbii kan dubbisanuu fi gidduu isaaniitti kan wol barsiisanu yoo ta'an, tasgabbiinii fi bilchinni isaanitti bu'ee, rahmanni Rabbii isaan haguugee wol isaan ga'ee, malaa'ikaan isaan marsitee, Rabbiin worra isatti dhihoo isa bira jiranu biratti isaan faarsu malee hin hafu, kabajaaf Rabbiin garbicha isaa qaama olaanaa biratti isa dubbachuun ga'aadha. Namni hojiin isaa hir'uu ta'e, maatiin isaa sadarkaa worra hojii guutuu hojjataniitti isa hin qaqqabsiisu, kanaafuu kabajaa gosaa fi sadarkaa abbootii isaatti hirkatee hojii keessatti gabaabbachuu dhabuutu barbaachisa.
Beekaan islaamaa Ibnu Daqiiq Al-Iid akkas jedha: kun hadiisa guddaadha, gosoota beekumsaa, seeraa fi namuusaalee kan wolitti qabatedha, sadarkaa dhimma muslimootaa baasuu fi beekumsaan yookaan qabeenyaan yookaan gargaarsaan yookaan bu'aa wohiitti akeekuun yookaan gorsaan yookaan waan biroo waan danda'amuun isaan fayyaduun qabuutu isa keessa jira.
Rakkataatti laaffisuutti kakaasuutu keessa jira.
Garbicha muslimaa gargaaruutti kakaasuutu keessa jira, Rabbiin ol ta'e akkaataa gabrichi obboleessa isaa gargaaruun isa gargaara.
Muslima dhoksuu irraa: hirdhina isaa hordofuu dhabuudha, garii salafaa irraa akkas jechuun odeeffamee jira: tuuta wohii kan hirdhina hin qabne, kan hirdhina namootaa dubbatanii jennaan, namoonnis hirdhina isaanii dubbatanun arge, akkasumas tuuta wohii kan hirdhina qabanu, garuu hirdhina namootaa dubbachuu irraa of qabaniii jennaan, kan hirdhinni isaanii irraanfatamen arge.
Namootaa dhoksuu jechuun ijaan argaa badii dhiisuu fi isa deemsisuu dhabuu jechuu miti, garuu badiis hin deemsisa ni dhoksaafis, kun kan ta'u nama badii fi jallina amaleeffachuun isaa hin beekamneefi, namni sanaan barame immoo isaaf dhooksuun hin jaallatamu, inumaa dhimmi isaa nama aangoo qabu biraan ga'ama, sababaa sanaan badiin biraa yoo kan soodaatamu hin taane; isaaf dhoksuun badii irratti hafuu irratti waan isa gowwoomsuu fi gabroottan rakkisuu irratti isaa fi worroota hamtuu fi fiincilaa biroo waan onnachiisuuf jecha.
Beekumsa barbaaduu, Qur'aana dubbisuu fi woliin isa barachuu irratti kakaasuutu keessa jira.
Imaam Annawawiin akkas jedha: kana keessa ragaa sadarkaa Qur'aana qara'uuf jecha masjiida keessatti wolitti qabamuun qabuutu jira...sadarkaa kana argachuu keessatti madrasaa, halaqaa ilmii fi kan kana fakkaatan biroo keessatti walitti qabamuunis akkuma masjiidaatti lakka'ama inshaa Allaah.
Rabbiin mindaa hojii irratti hundeesse malee firummaa irrattii miti.
Sahiiha Muslim (4/ 2074) (2699).
Dabalata (6)
التحفة الربانية.
لإسماعيل الأنصاري (ص82).
الأحاديث الأربعون النووية وعليها الشرح الموجز المفيد.
لعبد الله المحسن (ص69).
شرح الأربعين النووية.
لابن عثيمين (ص355).
Cited in books
32 BooksDabalata (32)
- الله -جل جلاله- أنيس المحبين وملاذ القاصدين«مَنْ نَفَّسَ عَنْ مُؤْمِنٍ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ الدُّنْيَا؛ نَفَّسَ اللهُ عَنْهُ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ يَوْمَ القِيَامَةِ، وَمَنْ يَسَّرَ عَلَى مُعْسِرٍ؛ يَسَّرَ اللهُ عَلَيْهِ فِي الدُّنْيَا وَالآخِرَةِ»
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح“مَن سَلَك طريقا يلتمس فيه علما سهّل الله له به طريقا إلى الجنة، وما اجتمع قوم في بيت من بيوت الله، يتلون كتاب الله، ويتدارسونه بينهم، إلا نزلت عليهم السكينة، وغشيتهم الرحمة، وحفتهم الملائكة، وذكرهم الله فيمن عنده”.
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح“من نفس عن مؤمن كربة من كرب الدنيا نفس الله عنه كربة من كرب يوم القيامة، ومن يسر على معسر يسر الله عليه في الدنيا والآخرة، ومن ستر مسلما ستره الله في الدنيا والآخرة، والله في عون العبد ما كان العبد في عون أخيه”.
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح“ما اجتمع قوم في بيت من بيوت الله تعالى يتلون كتاب اللّه ويتدارسونه بينهم، إلا نزلت عليهم السكينة، وغشيتهم الرحمة، وحفتهم الملائكة، وذكرهم الله فيمن عنده”.
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح“من نفّس عن مؤمن كربة من كرب الدنيا نفس الله عنه كربة من كرب يوم القيامة، ومن يسرّ على معسر يسر الله عليه في الدنيا والآخرة، ومن ستر مسلما ستره الله في الدنيا والآخرة، والله في عون العبد ما كان العبد في عون أخيه”.
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 1 «وَاللهُ فِي عَوْنِ الْعَبْدِ مَا كَانَ الْعَبْدُ فِي عَوْنِ أَخِيهُ»،
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 2وَمَنْ يَسَّرَ عَلَىٰ مُعْسِرٍ يَسَّرَ اللهُ عَلَيْهِ في الدُّنْيَا وَالآخِرَةِ،
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 5«وما اجتمعَ قومٌ في بيتٍ من بيوتِ اللهِ يتلُون كتابَ الله، ويَتَدارَسُونَه بينَهُم، إلَّا نَزَلَتْ عليهِمُ السَّكينةُ، وغشيتْهمُ الرَّحْمةُ، وحَفَّتْهمُ الملائكةُ، وذَكَرَهُمُ اللهُ فيمَنْ عندَه».
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 6«وَمَنْ سَلَكَ طريقاً يلتمسُ فيه علماً سهَّلَ اللهُ لهُ به طريقاً إلىٰ الجَنَّة».
- شرح الأربعين النووية«مَنْ نَفَّسَ عَنْ مُؤْمِنٍ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ الدُّنْيَا نَفَّسَ اللَّهُ عَنْهُ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ يَوْمِ الْقِيَامَةِ، وَمَنْ يَسَّرَ عَلَى مُعْسِرٍ، يَسَّرَ اللَّهُ عَلَيْهِ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ، وَمَنْ سَتَرَ مُسْلِمًا سَتَرَ
- ما لا يسع أطفال المسلمين جهله«وَاللَّهُ فِي عَوْنِ العَبْدِ مَا كَانَ العَبْدُ فِي عَوْنِ أَخِيهِ»[92].
- مادة العقيدة الإسلامية(مَنْ نَفَّسَ عَنْ مُؤْمِنٍ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ الدُّنْيَا نَفَّسَ اللَّهُ عَنْهُ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ يَوْمِ الْقِيَامَةِ وَمَنْ يَسَّرَ عَلَى مُعْسِرٍ يَسَّرَ اللَّهُ عَلَيْهِ في الدُّنْيَا وَالآخِرَةِ وَمَنْ سَتَرَ مُسْلِمًا سَتَرَهُ ال
- مجالس تدارس القرآن للمبتدئين (سورة الفاتحة وقصار المفصّل)1«من سلك طريقا يلتمس فيه علما سهل الله له به طريقا إلى الجنة»([35])،
- مجموعة زاد التفسير (1)التفسير 1«من سلك طريقًا يلتمس فيه علمًا سهل الله له به طريقًا إلى الجنة»
- مجموعة زاد التربية الإسلامية (1)، والسيرة النبوبة (1)، والعقيدة (1)، والفقه (1)التربية الأسلامية 1«من سلك طريقًا يلتمس فيه علمًا سهل الله له به طريقًا إلى الجنة»
- مجموعة زاد التربية الإسلامية (1)، والسيرة النبوبة (1)، والعقيدة (1)، والفقه (1)2«من سلك طريقًا يلتمس فيه علمًا سهل الله له به طريقًا إلى الجنة»
- مجموعة زاد التربية الإسلامية (3)، والسيرة النبوية (3)التربية الإٍسلامية -3- «من سلك طريقًا يلتمس فيه علمًا سهل الله له به طريقًا إلى الجنة»
- مجموعة زاد التربية الإسلامية (4)التربية الإسلامية 4«من سلك طريقًا يلتمس فيه علمًا سهل الله له به طريقًا إلى الجنة»
- مجموعة زاد التفسير (2)التفسير 2«من سلك طريقًا يلتمس فيه علمًا سهل الله له به طريقًا إلى الجنة»
- مجموعة زاد الحديث (1)الحديث 1«من سلك طريقًا يلتمس فيه علمًا سهل الله له به طريقًا إلى الجنة»
- مجموعة زاد الحديث(2)1«من سلك طريقًا يلتمس فيه علمًا سهل الله له به طريقًا إلى الجنة»
- مجموعة زاد الحديث(2)1«مَنْ نَفَّسَ عَنْ مُؤْمِنٍ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ الدُّنْيَا، نَفَّسَ الله عَنْهُ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ يَوْمِ الْقِيَامَةِ، وَمَنْ يَسَّرَ عَلَى مُعْسِرٍ، يَسَّرَ الله عَلَيْهِ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ، وَمَنْ سَتَرَ مُسْلِمًا سَتَرَهُ ال
- مجموعة زاد الحديث(2)1(سَهَّلَ الله لَهُ بِهِ طَريقًا إِلَى الجَنَّةِ)
- مجموعة زاد الحديث(2)1(ومن بطَّأ به عملُهُ لم يسرِعْ به نسبُهُ)
- مجموعة زاد الحديث(2)1(مَنْ نَفَّسَ عَنْ مُؤْمِنٍ كُرْبَةً...)
- مجموعة زاد الحديث(3)1«من سلك طريقًا يلتمس فيه علمًا سهل الله له به طريقًا إلى الجنة»
- مجموعة زاد العقيده (4)العقيدة 4«من سلك طريقًا يلتمس فيه علمًا سهل الله له به طريقًا إلى الجنة»
- مجموعة زاد الفقه (3)الفقه 3«من سلك طريقًا يلتمس فيه علمًا سهل الله له به طريقًا إلى الجنة»
- مشروع منهاج زادكزادك 3 طالب نهائي«مَا اجْتَمَعَ قَوْمٌ فِي بَيْتٍ مِنْ بُيُوتِ اللهِ يَتْلُونَ كِتَابَ اللهِ، وَيَتَدَارَسُونَهُ بَيْنَهُمْ إِلَّا نَزَلَتْ عَلَيْهِمِ السَّكِينَةُ، وَغَشِيَتْهُمُ الرَّحْمَةُ، وَحَفَّتْهُمُ الْمَلَائِكَةُ، وَذَكَرَهُمُ اللهُ فِيمَنْ عِنْدَه
- نبراس طالب (1)1«مَنْ سَتَرَ مُسْلِمًا سَتَرَهُ اللهُ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ»
- نبراس طالب (1)1«مَنْ نَفَّسَ عَنْ مُسْلِمٍ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ الدُّنْيَا نَفَّسَ اللهُ عَنْهُ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ يَوْمِ الْقِيَامَةِ، وَمَنْ يَسَّرَ عَلَى مُعْسِرٍ يَسَّرَ اللهُ عَلَيْهِ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ، وَمَنْ سَتَرَ مُسْلِمًا سَتَرَهُ ال
- نبراس طالب (3)نبراس طالب 3«وَمَنْ يَسَّرَ عَلَى مُعْسِرٍ يَسَّرَ اللهُ عَلَيْهِ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ»