Skip to content
Surah List /

الصَّف

الصَّف is chapter 61 of the Quran and has 14 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

14 Ayahs Surah No. 61
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ

Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesse. Inni injifataa ogeessa.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لِمَ تَقُولُونَ مَا لَا تَفۡعَلُونَ

Yaa warra amantan! Maaliif waan hin hojjanne jettu?

كَبُرَ مَقۡتًا عِندَ ٱللَّهِ أَن تَقُولُواْ مَا لَا تَفۡعَلُونَ

Waan hin hojjanne haasa'uun keessan jibbaansi isaa Rabbiin biratti guddate.

إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلَّذِينَ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِهِۦ صَفّٗا كَأَنَّهُم بُنۡيَٰنٞ مَّرۡصُوصٞ

Rabbiin warra karaa Isaa keessatti akka ijaarsaa wal qabataa ta'anii hiriiraan lolan ni jaalata.

وَإِذۡ قَالَ مُوسَىٰ لِقَوۡمِهِۦ يَٰقَوۡمِ لِمَ تُؤۡذُونَنِي وَقَد تَّعۡلَمُونَ أَنِّي رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيۡكُمۡۖ فَلَمَّا زَاغُوٓاْ أَزَاغَ ٱللَّهُ قُلُوبَهُمۡۚ وَٱللَّهُ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلۡفَٰسِقِينَ

Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhe "yaa ummata (kiyya) maaliif na rakkiftan! Odoo akka ani Ergamaa Rabbii kan gara keessanitti (ergame ta'uu) sirriitti beektanuu?" [jedhe yaadadhaa]. Yeroma isaan jallatanu Rabbiin onneewwan isaanii jallise. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.