Skip to content
Surah List /

الحدِيد

الحدِيد is chapter 57 of the Quran and has 29 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

29 Ayahs Surah No. 57
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ

Wanti samiileefi dachii keessa jiru hundi Rabbiin qulqulleesse. Inni injifataa, Ogeessa.

لَهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ يُحۡيِۦ وَيُمِيتُۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٌ

Mootummaan samiileefi dachii kan Isaati. Inni ni jiraachisa; ni ajjeesas. Inni waan hunda irratti danda’aadha.

هُوَ ٱلۡأَوَّلُ وَٱلۡأٓخِرُ وَٱلظَّٰهِرُ وَٱلۡبَاطِنُۖ وَهُوَ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٌ

Inni duruma jira; kan boodaatis; mul’ataadha; dhokataadha Inni waan hunda beekaadha.

هُوَ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ يَعۡلَمُ مَا يَلِجُ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا يَخۡرُجُ مِنۡهَا وَمَا يَنزِلُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ وَمَا يَعۡرُجُ فِيهَاۖ وَهُوَ مَعَكُمۡ أَيۡنَ مَا كُنتُمۡۚ وَٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٞ

Inni Isa samiileefi dachii guyyoota jaha keessatti uumee; ergasii ‘Arshii’ irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Waan dachii keessa gadi seenu nibeeka, waan ishee irraa ba’us, waan samii irraa bu’us, waan ishee keessa ol ba’us (ni beeka). Inni eessallee yoo jiraattan isin waliin jira. Rabbiin waan isin dalagdan hunda ni arga.

لَّهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَإِلَى ٱللَّهِ تُرۡجَعُ ٱلۡأُمُورُ

Mootummaan samiileefi dachii kan Isaati. Dhimmoonni gara Rabbiitti deebifamti.