Skip to content
البَقَرَة /

Ayah 258

2 : 258

Ayah 258 of البَقَرَة (2 : 258). This page carries the verse in the Uthmani script with a translation of its meaning, at a stable URL that can be cited on its own.

البَقَرَة Ayahs 286
2 : 258

أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِي حَآجَّ إِبۡرَٰهِـۧمَ فِي رَبِّهِۦٓ أَنۡ ءَاتَىٰهُ ٱللَّهُ ٱلۡمُلۡكَ إِذۡ قَالَ إِبۡرَٰهِـۧمُ رَبِّيَ ٱلَّذِي يُحۡيِۦ وَيُمِيتُ قَالَ أَنَا۠ أُحۡيِۦ وَأُمِيتُۖ قَالَ إِبۡرَٰهِـۧمُ فَإِنَّ ٱللَّهَ يَأۡتِي بِٱلشَّمۡسِ مِنَ ٱلۡمَشۡرِقِ فَأۡتِ بِهَا مِنَ ٱلۡمَغۡرِبِ فَبُهِتَ ٱلَّذِي كَفَرَۗ وَٱللَّهُ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ

Sila gara isa Rabbiin mootummaa isaaf kenninaan (waa’ee) Gooftaa isaa keessatti Ibraahiimiin mormee hin ilaallee? Yeroo Ibraahiim "Gooftaan kiyya Isa jiraachisuufi ajjeesu sani" jedhu. "Anis nan jiraachisa; nan ajjeesas" jedhe (mootichi). Ibraahiim "Dhugumatti, Rabbiin aduu Baha irraa fida; ati immoo Dhiha irraa fidi" jedhe. Achumaan inni kafare dhama'e, Rabbiin miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.