«Humna ilma namaa guutuu irra sadaqaatu jira
Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan.
«Humna ilma namaa guutuu irra sadaqaatu jira, guyyaa aduun baatu hundatti nama lama walitti araarsuun sadaqaadha, nama tokko yaabbii isaa akka yaabbatu ykn meeshaa isaa akka irratti fe'atu gargaaruun sadaqaadha, jechi gaariin sadaqaadha, tarkaanfiin inni gara salaatatti godhu hundi sadaqaadha, wantoota miidhaa geessisan karaa irraa deemsisuun sadaqaadha».
«كُلُّ سُلاَمَى مِنَ النَّاسِ عَلَيْهِ صَدَقَةٌ، كُلَّ يَوْمٍ تَطْلُعُ فِيهِ الشَّمْسُ يَعْدِلُ بَيْنَ الِاثْنَيْنِ صَدَقَةٌ، وَيُعِينُ الرَّجُلَ عَلَى دَابَّتِهِ فَيَحْمِلُ عَلَيْهَا أَوْ يَرْفَعُ عَلَيْهَا مَتَاعَهُ صَدَقَةٌ، وَالكَلِمَةُ الطَّيِّبَةُ صَدَقَةٌ، وَكُلُّ خُطْوَةٍ يَخْطُوهَا إِلَى الصَّلاَةِ صَدَقَةٌ، وَيُمِيطُ الأَذَى عَنِ الطَّرِيقِ صَدَقَةٌ».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Muslima dirqama qabu hunda irratti guyyaa guyyaan Lakkoofsa humna lafee isaatin sadaqaan sunnaa akka jiruu fi sadaqaan kunis Rabbiin ol tahe fayyaa waan isaaf kenneef galateeffachuuf jecha akka tahe ibsan. Lafeen isaa humna humna qabaachuun qabuu fi diriirsuu irratti isa gargaara. Sadaqaan kun hojii gaarii hundaan kan raawwatamu yoo ta'u, maallaqa kennuu irratti kan hin dhaabbanne ta'uu ibsaniiru, kanneen keessaa: Nama lama kan wal dhaban walitti araarsuun kee sadaqaa dha. Nama dadhabaa yaabbii isaa akka yaabbatu ykn meeshaa isaa akka irratti fe'atu gaargaaruun kee sadaqaadha. Jechi gaariin kan akka zikrii, du'aa'ii, salaamtaa namaan jechuu fi kan biroos sadaqaadha. Tarkaanfiin ati gara salaatatti gootu hundi sadaqaa dha. Waan miidhaa geessisu karaa irraa deemsisuun sadaqaa dha.
سُلامى: بضم السين المهملة وتخفيف اللام مع القصر، وهي المفاصل، وقد ثبت في صحيح مسلم أنها ثلاثمائة وستون.
Akkaataan lafeen ilma namaa walitti itti qabamee fi nagaa tahuun isaa qananiiwwan gurguddoo Rabbiin ol tahe namaaf kenne keessaa isa tokkoodha, qananii kana irratti galateeffachuuf tokkoo tokkoon lafee kana hunda irraa sadaqaa baasuun barbaachisaadha.
Itti fufiinsa qananii kanaatiif guyyaa guyyaan galata akka haaromsinu jajjabeessuu fi hawwisiisuudha.
Guyyaa guyyaan itti fufinsaan sunnoowwanii fi sadaqaalee hojjechuu irratti kakaasuudha.
Namoota wal lolan jiddutti araara buusuun sadarkaa qabaachuudha.
Namni tokko obboleessa isaa akka gargaaru kakaasuudha; sababni isaas inni isa gargaaruun sadaqaa waan taheef jecha.
Namoonni jama’aa irratti akka argamanii fi miilaan gara sanitti akka deeman kakaasuudha, akkasumas masjiidota sanaan akka jiraachisan kakaasuudha.
Waan isaan rakkisu ykn miidhu kamiyyuu irraa fagaachuun karaa muslimootaa kabajuun dirqama ta'uudha.
Sahiiha Bukhaarii (4/ 56) (2989).
Sahiiha Muslim (1/ 498) (720).
Dabalata (17)
-التحفة الربانية في شرح الأربعين حديثًا النووية.
مطبعة دار نشر الثقافة.
الإسكندرية.
الطبعة: الأولى.
1380 هـ.
-شرح الأربعين النووية.
للشيخ ابن عثيمين.
دار الثريا للنشر.
-فتح القوي المتين في شرح الأربعين وتتمة الخمسين.
دار ابن القيم.
الدمام المملكة العربية السعودية.
الطبعة: الأولى.
1424هـ/2003م.
-الفوائد المستنبطة من الأربعين النووية.
للشيخ عبد الرحمن البراك.
دار التوحيد للنشر.
الرياض.
Cited in books
6 BooksDabalata (6)
- الخطب المنبريةموسوعة الخطب المنبرية (القسم الأول)«كُلُّ سُلَامَى مِنَ النَّاسِ عَلَيْهِ صَدَقَةٌ، كُلَّ يَوْمٍ تَطْلُعُ فِيهِ الشَّمْسُ يَعْدِلُ بَيْنَ الْإِثْنَيْنِ صَدَقَةٌ، وَيُعِينُ الرَّجُلَ عَلَى دَابَّتِهِ فَيَحْمِلُ عَلَيْهَا أَوْ يَرْفَعُ عَلَيْهَا مَتَاعَهُ صَدَقَةٌ، وَالْكَلِمَ
- العلم الواجب بدون فقه وبدون زيادات1((كُلُّ يَوْمٍ تَطْلَعُ فِيهِ الشَّمْسُ)).
- ما لا يسع أطفال المسلمين جهله«وَيُمِيطُ الأَذَى عَنِ الطَّرِيقِ صَدَقَةٌ»[133].
- مجموعة زاد الحديث(2)1(كُلُّ سُلامَى مِنَ النَّاسِ عَلَيْهِ صَدَقَةٌ...)
- مشروع منهاج زادكزادك 2 طالب نهائي«كُلُّ سُلَامَى مِنَ النَّاسِ عَلَيْهِ صَدَقَةٌ كُلَّ يَوْمٍ تَطْلُعُ فِيهِ الشَّمْسُ، يَعْدِلُ بَيْنَ الِاثْنَيْنِ صَدَقَةٌ، وَيُعِينُ الرَّجُلَ عَلَى دَابَّتِهِ فَيَحْمِلُ عَلَيْهَا، أَوْ يَرْفَعُ عَلَيْهَا مَتَاعَهُ صَدَقَةٌ، وَالكَلِمَة
- نبراس طالب (3)نبراس طالب 3«كُلُّ سُلاَمَى مِنَ النَّاسِ عَلَيْهِ صَدَقَةٌ كُلَّ يَوْمٍ تَطْلُعُ فِيهِ الشَّمْسُ، يَعْدِلُ بَيْنَ الِاثْنَيْنِ صَدَقَةٌ، وَيُعِينُ الرَّجُلَ عَلَى دَابَّتِهِ فَيَحْمِلُ عَلَيْهَا، أَوْ يَرْفَعُ عَلَيْهَا مَتَاعَهُ صَدَقَةٌ، وَالكَلِمَة