Skip to content

«Rabbiin ol ta'e guyyaa qiyaamaa irra laafaa adabamaa worra ibiddaatiin ni jedha: osoo wonti dachii keessatti argamu hundi kan kee ta'ee isaan of ni bittaa? eeyyeen jedha

Anas ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Rabbiin ol ta'e guyyaa qiyaamaa irra laafaa adabamaa worra ibiddaatiin ni jedha: osoo wonti dachii keessatti argamu hundi kan kee ta'ee isaan of ni bittaa? eeyyeen jedha, Rabbiinis ni jedhaan: yeroo ati dugda Aadam turtetti waan kana irra laafaan sirraa barbaadee ture: innis homaa akka anatti hin qindeessine ture, ati garuu anatti qindeessuu malee ni didde».

«يَقُولُ اللَّهُ تَعَالَى لِأَهْوَنِ أَهْلِ النَّارِ عَذَابًا يَوْمَ القِيَامَةِ: لَوْ أَنَّ لَكَ مَا فِي الأَرْضِ مِنْ شَيْءٍ أَكُنْتَ تَفْتَدِي بِهِ؟ فَيَقُولُ: نَعَمْ، فَيَقُولُ: أَرَدْتُ مِنْكَ أَهْوَنَ مِنْ هَذَا، وَأَنْتَ فِي صُلْبِ آدَمَ: أَلّاَ تُشْرِكَ بِي شَيْئًا، فَأَبَيْتَ إِلَّا أَنْ تُشْرِكَ بِي».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin irra laafaa adabamaa worra ibiddaatiin boodaa isaan seenanii akkas akka jedhu himani: osoo duuniyaanii fi wonti isii keessa jiru hundi kan kee ta'ee silaa isaan adabbii kana irraa of ni bittaa? innis eeyyeen jedha, Rabbiinis ni jedha: dugda Aadam keessa yeroo turtetti yeroo waadaan sirraa fuudhametti waan kana irra laafaa dhugumatti sirraa barbaadee itti si ajajeen ture; yeroon gara duuniyaatti si baase immoo shirkii malee ni didde.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sadarkaa towhiidni qabuu fi isatti hojjachuun laafaa ta'uu isaa.

hammeenya Rabbii ol ta'etti shaarrakuun qabuu fi booddee isaa.

Rabbiin ilmaan Aadam irraa osoo isaan dugda abbaa isaanii Aadam keessa jiranuu akka hin shaarrakne waadaa isaan irraa fuudhee ture.

shirkii irraa sodaachisuutu keessa jira, guyyaa qiyaamaatti duuniyaan hundi kaafira irraa homaa deebisuu hin danda'u.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (8/ 115) (6557).

Sahiiha Muslim (4/ 2160) (2805).

Dabalata (6)

عمدة القاري شرح صحيح البخاري.

لبدر الدين العيني (15/ 213).

معجم اللغة العربية المعاصرة.

لأحمد مختار(2/ 1311).

معارج القبول بشرح سلم الوصول إلى علم الأصول.

لحافظ الحكمي (1/ 96).