«Rabbiin ol tahe namni guyyaa dilii dalage akka tawbatuuf harka isaa halkan diriirsa, namni halkan dilii dalage akka tawbatuuf guyyaa harka isaa diriirsa, Hanga aduun dhiha irraa baatutti».
Abuu Muusaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Rabbiin ol tahe namni guyyaa dilii dalage akka tawbatuuf harka isaa halkan diriirsa, namni halkan dilii dalage akka tawbatuuf guyyaa harka isaa diriirsa, Hanga aduun dhiha irraa baatutti».
«إِنَّ اللهَ عَزَّ وَجَلَّ يَبْسُطُ يَدَهُ بِاللَّيْلِ لِيَتُوبَ مُسِيءُ النَّهَارِ، وَيَبْسُطُ يَدَهُ بِالنَّهَارِ لِيَتُوبَ مُسِيءُ اللَّيْلِ، حَتَّى تَطْلُعَ الشَّمْسُ مِنْ مَغْرِبِهَا».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-: Rabbiin ol tahe gabroota isaa irraa towbaa akka qeebalu himan. Gabrichi tokko guyyaa dilii hojjetee halkan yoo towbaa gara Rabbii deeb'e Rabbiin towbaa isaa ni qeebala, yoo halkan dilii raawwatee guyyaa towbates Rabbiin towbaa isaa irraa qeebala. Rabbiin qulqullaa'e towbaaf harka isaa ni diriirsa isheetti gammadee ishee qeebaluuf jecha, Balballi towbaa hanga aduun dhiha irraa baatee dhumni addunyaa tanaa hanga labsamutti banaa ta’ee hafa, yeroo aduun kallattii sanaan baate balballi towbaa ni cufama.
Towbaan qeebalamuun hanga balballi isaa banaa ta’etti itti fufa, Balballi isaa yeroo aduun dhiha irraa baate ni cufama. Namichi du'aaf lubbuun isaa kokkee gayuun duratti towbachuudha qaba.
Dhiifamaa fi rahmatni Rabbii ol ta'ee bal’aa waan ta’ee fi balballi towbaa banaa waan ta'eef jecha ilmi namaa sababaa dilii hojjeteef abdii kutachuu hin qabuudha.
Ulaagaaleen towbaa: Inni jalqabaa: dilii san hojechuu dhiisuudha, Inni lammaffaa: dilii san raawwachuuf seenayuudha, inni sadaffaa: tasuma dilii sanitti hin deebi'u jedhee murachuudha, kunneen eegaa yoo haqa Rabbii balleesseedha. Haqa gabrootaa waliin kan walqabatu yoo ta'e ammoo Towbaa sirrii ta’uuf haqa abbaa isaatiif deebisu qaba, ykn abbaan haqa isaa dhiifama jechuudha qaba.
Sahiiha Muslim (4/ 2113) (2759).
Dabalata (6)
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (1/ 35).
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (1/ 103).
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (1/ 55).
Cited in books
8 BooksDabalata (8)
- الذكر والدعاء والعلاج بالرقي من الكتاب والسنة"إن الله يبسط يده بالليل ليتوب مسيء النهار، ويبسط يده بالنهار ليتوب مسيء الليل، حتى تطلع الشمس من مغربها" .
- الله -جل جلاله- أنيس المحبين وملاذ القاصدين«إِنَّ اللهَ يَبْسُطُ يَدَهُ بِاللَّيْلِ لِيَتُوبَ مُسِيءُ النَّهَارِ، وَيَبْسُطُ يَدَهُ بِالنَّهَارِ لِيَتُوبَ مُسِيءُ اللَّيْلِ؛ حَتَّى تَطْلُعَ الشَّمْسُ مِنْ مَغْرِبِهَا»
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 1 «إنَّ اللهَ تعالىٰ يَبْسُطُ يَدَهُ باللَّيْلِ ليَتُوبَ مُسِيءُ النَّهَارِ، ويَبْسُط يَدَهُ بالنَّهَارِ ليَتُوبَ مُسِيءُ اللَيْلِ، حَتَىٰ تَطْلُع الشَّمْسُ مِنْ مَغْرِبِها».
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 3«إنَّ اللهَ تعالىٰ يَبْسُطُ يَدَهُ باللَّيْلِ ليَتُوبَ مُسِيءُ النَّهَارِ، وَيَبْسُطُ يَدَهُ بِالنَّهارِ لِيَتُوبَ مُسيءُ اللَّيْلِ، حتىٰ تطْلُعَ الشَّمسُ مِنْ مَغْرِبها».
- فتاوى المرضىفتاوى المرضى «إن الله عز وجل يبسط يده بالليل ليتوب مسيء النهار، ويبسط يده بالنهار ليتوب مسيء الليل، حتى تطلع الشمس من مغربها»
- مجموعة زاد العقيدة (2)1«إن ﷲ يبسُطُ يدَه بالليلِ ليتوبَ مسيءُ النهارِ، ويبسطُ يدَه بالنَّهارِ ليتوبَ مسيءُ الليلِ حتى تطلعَ الشمسُ من مغربِها»
- موسوعة الإيمان«إِنَّ اللهَ عز وجل يَبْسُطُ يَدَهُ بِاللَّيْلِ لِيَتُوبَ مُسِيءُ النَّهَارِ، وَيَبْسُطُ يَدَهُ بِالنَّهَارِ لِيَتُوبَ مُسِيءُ اللَّيْلِ، حَتَّى تَطْلُعَ الشَّمْسُ مِنْ مَغْرِبِهَا».
- نصوص مختارة للرمضانإِنَّ اللهَ عَزَّ وَجَلَّ يَبْسُطُ يَدَهُ بِاللَّيْلِ لِيَتُوبَ مُسِيءُ النَّهَارِ، وَيَبْسُطُ يَدَهُ بِالنَّهَارِ لِيَتُوبَ مُسِيءُ اللَّيْلِ، حَتَّى تَطْلُعَ الشَّمْسُ مِنْ مَغْرِبِهَا