Skip to content

«Rabbiin gabricha irraa nyaata nyaatee isa irratti isa galatoomfachuu irraa jaallata, yookaan dhugaatii dhugee isa irratti isa galatoomfachuu».

Anas ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irra haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Rabbiin gabricha irraa nyaata nyaatee isa irratti isa galatoomfachuu irraa jaallata, yookaan dhugaatii dhugee isa irratti isa galatoomfachuu».

«إِنَّ اللهَ لَيَرْضَى عَنِ الْعَبْدِ أَنْ يَأْكُلَ الْأَكْلَةَ فَيَحْمَدَهُ عَلَيْهَا، أَوْ يَشْرَبَ الشَّرْبَةَ فَيَحْمَدَهُ عَلَيْهَا».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichi tola isaa fi qananii isaa irratti Rabbiin galateeffachuun wantoota ittiin jaalala Rabbii argatan irraa akka ta'e ibsani; nyaata nyaatee ka'ee, Alhamdulillaah jedha, dhugaatiis dhugee ka'ee, Alhamdulillaah jedha.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Arjummaa Rabbiin qabuudha, ofii isaatii rizqii kennee kenna isaa irratti immoo galatoomfachuu jaallata.

Jaalalli Rabbii wantoota haalaan laafoo ta'aniin argama, booda nyaataa fi dhugaatiitii akka isa galateeffachuu faa.

namuusa nyaataa fi dhugaatii irraa: booda nyaataa fi dhugaatiitii Rabbiin galateeffachuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (4/ 2095) (2734).

Dabalata (10)

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمصطفى الخن وغيره (1/ 164).

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 215).

شرح رياض الصالحين من كلام سيد المرسلين.

لابن عثيمين (2/ 203).

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين.

تطرز رياض الصالحين.

لفيصل آل مبارك (ص764).