Skip to content

"Firooma kutaan jannata hin seenu".

Jubayr ilma Mux'im irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- inni Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataafi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:

"Firooma kutaan jannata hin seenu".

«لَا يَدْخُلُ الْجَنَّةَ قَاطِعُ رَحِمٍ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataafi nageenya isaan irratti haa buusu- namni haqa firoota isaa kan isaaniif dirqama ta'e isaan irraa kute yookaan azaa isaan godhee isaanitti balleesse, inni jannata seenuu dhabuu haqa godhataadha.

Hiika jechchootaa

.....:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Firooma kutuun badii guddoo badiiwwan gurguddoo irraa lakkaawamtuudha.

Firooma fufuun akkaataadhuma beekamuun ta'a, wal dhabiinsa iddoo, yeroo fi namootaatiin wol dhaba.

Firooma fufuun ziyaaraadhaan, sadaqaadhaan, isaanitti tola ooluun, dhukkubsattoota gaafachuun, toltuutti isaan ajajuun, hamtuu irraa isaan dhoorguu fi kan sana fakkaatan birootiin ta'a.

Firooma kutuun hanguma firummaan dhihaatuun diliin isaas haalaan jabaa ta'a.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (4/ 1981) (2556).

Sahiiha Bukhaarii (8/ 5) (5984).

Dabalata (5)

شرح النووي على مسلم (16/ 113).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (10/ 90).

فتح ذي الجلال والإكرام بشرح بلوغ المرام.

لابن عثيمين (6/ 277).