Skip to content
البَقَرَة /

Ayah 282

2 : 282

Ayah 282 of البَقَرَة (2 : 282). This page carries the verse in the Uthmani script with a translation of its meaning, at a stable URL that can be cited on its own.

البَقَرَة Ayahs 286
2 : 282

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِذَا تَدَايَنتُم بِدَيۡنٍ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمّٗى فَٱكۡتُبُوهُۚ وَلۡيَكۡتُب بَّيۡنَكُمۡ كَاتِبُۢ بِٱلۡعَدۡلِۚ وَلَا يَأۡبَ كَاتِبٌ أَن يَكۡتُبَ كَمَا عَلَّمَهُ ٱللَّهُۚ فَلۡيَكۡتُبۡ وَلۡيُمۡلِلِ ٱلَّذِي عَلَيۡهِ ٱلۡحَقُّ وَلۡيَتَّقِ ٱللَّهَ رَبَّهُۥ وَلَا يَبۡخَسۡ مِنۡهُ شَيۡـٔٗاۚ فَإِن كَانَ ٱلَّذِي عَلَيۡهِ ٱلۡحَقُّ سَفِيهًا أَوۡ ضَعِيفًا أَوۡ لَا يَسۡتَطِيعُ أَن يُمِلَّ هُوَ فَلۡيُمۡلِلۡ وَلِيُّهُۥ بِٱلۡعَدۡلِۚ وَٱسۡتَشۡهِدُواْ شَهِيدَيۡنِ مِن رِّجَالِكُمۡۖ فَإِن لَّمۡ يَكُونَا رَجُلَيۡنِ فَرَجُلٞ وَٱمۡرَأَتَانِ مِمَّن تَرۡضَوۡنَ مِنَ ٱلشُّهَدَآءِ أَن تَضِلَّ إِحۡدَىٰهُمَا فَتُذَكِّرَ إِحۡدَىٰهُمَا ٱلۡأُخۡرَىٰۚ وَلَا يَأۡبَ ٱلشُّهَدَآءُ إِذَا مَا دُعُواْۚ وَلَا تَسۡـَٔمُوٓاْ أَن تَكۡتُبُوهُ صَغِيرًا أَوۡ كَبِيرًا إِلَىٰٓ أَجَلِهِۦۚ ذَٰلِكُمۡ أَقۡسَطُ عِندَ ٱللَّهِ وَأَقۡوَمُ لِلشَّهَٰدَةِ وَأَدۡنَىٰٓ أَلَّا تَرۡتَابُوٓاْ إِلَّآ أَن تَكُونَ تِجَٰرَةً حَاضِرَةٗ تُدِيرُونَهَا بَيۡنَكُمۡ فَلَيۡسَ عَلَيۡكُمۡ جُنَاحٌ أَلَّا تَكۡتُبُوهَاۗ وَأَشۡهِدُوٓاْ إِذَا تَبَايَعۡتُمۡۚ وَلَا يُضَآرَّ كَاتِبٞ وَلَا شَهِيدٞۚ وَإِن تَفۡعَلُواْ فَإِنَّهُۥ فُسُوقُۢ بِكُمۡۗ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۖ وَيُعَلِّمُكُمُ ٱللَّهُۗ وَٱللَّهُ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٞ

Yaa warra amantan! Hanga beellama beekamaatti liqii yoo walii liqeessitan isa barrreessaa, Barreessaan gidduu keessanitti haqaan haa barreessu, Barreessaanis akka Rabbiin isa barsiisetti barreessuu hin didin. Haa barreessu; Inni liqiin isa irra jiru haa dubbisuu, Allaah gooftaa isaa haa sodaatu. Isa irraas homaa hin hir’isin. Yoo inni liqiin isa irra jiru gowwaa yookiin dadhabaa yookiin inni kan dubbisuu hin dandeenye ta’e firri isaa haqaan haa dubbisu, Ragaa lama dhiirota keessan irraa ragsiifadhaa. Yoo dhiirri lama hin argamin, dhiira tokkoofi dubartii lama, dagachuu ishee tokkoofi yaadachiisuu ishee birootiif jecha, ragoolee namoota isin jaallattan irraa haala ta’aniin ragaa godhaa. Ragoonnis yeroo waamaman hin didin. Xiqqaas ta’ee guddaa, hanga yeroo isaatti, isa barreessuu hin hifatinaa. Kanatu Rabbiin biratti irra haqa; ragummaafis irra mirkanaa’aadha; akka isin hin shakkineefis irra dhihoodha. yoo daldala bakkuma sanitti gidduu keessanitti raawwattan taate malee, ishee barreessuu dhabuudhaan badiin isin irra hin jiru. Yeroo bittanii walitti gurgurtanis ragaa godhaa. barreessaafii raga bahaan miidhamuu hin qabu. Yoo raawwattan, dhugumatti inni fincila (ajaja Rabbii diduu) keessani. Rabbiin sodaadhaa; Rabbiin isin barsiisa. Rabbiin waan hunda beekaadha.