Skip to content
البَقَرَة /

Ayah 229

2 : 229

Ayah 229 of البَقَرَة (2 : 229). This page carries the verse in the Uthmani script with a translation of its meaning, at a stable URL that can be cited on its own.

البَقَرَة Ayahs 286
2 : 229

ٱلطَّلَٰقُ مَرَّتَانِۖ فَإِمۡسَاكُۢ بِمَعۡرُوفٍ أَوۡ تَسۡرِيحُۢ بِإِحۡسَٰنٖۗ وَلَا يَحِلُّ لَكُمۡ أَن تَأۡخُذُواْ مِمَّآ ءَاتَيۡتُمُوهُنَّ شَيۡـًٔا إِلَّآ أَن يَخَافَآ أَلَّا يُقِيمَا حُدُودَ ٱللَّهِۖ فَإِنۡ خِفۡتُمۡ أَلَّا يُقِيمَا حُدُودَ ٱللَّهِ فَلَا جُنَاحَ عَلَيۡهِمَا فِيمَا ٱفۡتَدَتۡ بِهِۦۗ تِلۡكَ حُدُودُ ٱللَّهِ فَلَا تَعۡتَدُوهَاۚ وَمَن يَتَعَدَّ حُدُودَ ٱللَّهِ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلظَّٰلِمُونَ

Hiikkaan (eega isaatii deebifatamu) yeroo lama. Sana booda haala gaariin qabachuu yookiin bifa tolaan gadi lakkisuudha. Isin (dhiironni) waan isaaniif kennitan (mahrii) irraa isaan lamaanuu daangawwan Rabbii sirreessuu dhabuu yoo sodaatan malee homaa fudhachuun isiniif hin hayyamamu. Yoo isaan lamaan daangawwan Rabbii hin sirreessanu jechuu sodaattan, waan isheen ittiin of baafte fudhachuu keessatti isaan lamaan irra badiin hin jiru. Kun daangawwan Rabbiitii isaan hin dabrinaa; namni daangaawwan Rabbii dabre, isaan sun isaanumatu miidhaa hojjatoodha.