Skip to content

"Hawdiin koo(guddinni isaa) adeemsa ji'aati, bishaan isaa aannan irra adiidha, fooliin isaa miskii irra gaariidha

Abdullaah ilma Amrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

"Hawdiin koo(guddinni isaa) adeemsa ji'aati, bishaan isaa aannan irra adiidha, fooliin isaa miskii irra gaariidha, kubbaayyaan isaa akka urjii samiiti, namni isii irraa dhuge tasuma hin dheebotu".

«حَوْضِي مَسِيرَةُ شَهْرٍ، مَاؤُهُ أَبْيَضُ مِنَ اللَّبَنِ، وَرِيحُهُ أَطْيَبُ مِنَ المِسْكِ، وَكِيزَانُهُ كَنُجُومِ السَّمَاءِ، مَنْ شَرِبَ مِنْهَا فَلاَ يَظْمَأُ أَبَدًا».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa qiyaamaatti hawdii dheerinnii fi bal'inni isaa adeemsa ji'aa ta'e akka isaaniif jiru himani, Bishaan isaa aannan irra haalaan adii akka ta'e himani, Fooliin isaas bareedaa foolii miskii caalaatti kan urgaa'u ta'uu himani, Kubbaayyaaleen isaa heddummina isii keessatti akka urjii samii akka taate himani, Namni kubbaayyotii sanaan hawdii irraa dhuge tasuma hin dheebotu.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Hawdiin Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- walitti qabama bishaan guddaa mu'umintoonni ummata isaanii irraa guyya qiyaamaa isa bu'anii irraa dhuganiidha.

Qananiin nama hawdicha irra dhugeef argamuudha, inni yoomuu hin dheebotu.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (8/ 119) (6579).

Sahiiha Muslim (4/ 1793) (2292).

Dabalata (4)

المفهم (6/91).

فتح الباري (11/472).

التنوير شرح الجامع الصغير (5/387).

فتح المنعم شرح صحيح مسلم (9/125).