Skip to content

“Masjiida kiyya kana keessatti salaanni tokko Masjiida biraa irra mindaa salaata kuma tokkootin caala, Al-Masjiidal Haraam malee".

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee, Rabbiin irraa haa jaallatu: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:

“Masjiida kiyya kana keessatti salaanni tokko Masjiida biraa irra mindaa salaata kuma tokkootin caala, Al-Masjiidal Haraam malee".

«صَلَاةٌ فِي مَسْجِدِي هَذَا خَيْرٌ مِنْ أَلْفِ صَلَاةٍ فِيمَا سِوَاهُ إِلَّا الْمَسْجِدَ الْحَرَامَ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sadarkaa masjiida isaanii keessatti salaatuun qabuu fi mindaan sanaa masjiidowwan lafaa irraa salaata masjiida biraa keessatti salaatatamu irra salaata kuma tokkoon akka caalu ibsan, Masjiida haraamaa kan Makka jiru yoo ta'e malee, salaanni isa keessatti salaatamu salaata masjiida Rasuulaa -nagaa fi rhmanni irra haa jiraatu- keessatti salaatamu caala.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Mindaan salaataa Al-Masjiidal Haraami fi Masjiid nabawii keessatti dachaa akka ta'eedha.

Salaanni Al-Masjiidal Haraam keessatti salaatamu kuma dhibba tokko kan masjiidota biroo keessatti salaatamu caala.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (2/ 60) (1190).

Sahiiha Muslim (2/ 1012) (1394).

Dabalata (2)

فتح الباري (3/67).

البحر المحيط الثجاج في شرح صحيح الإمام مسلم بن الحجاج (24/ 684).