"Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa
Abdullaah bin Amrii bin Al-Aas irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaalatu- Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhuun dhaga'e:
"Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa, namni ana irratti salawaata tokko buuse Rabbiin isa irratti kudhan buusa. Ergasii Wasiilaa naaf kadhaa, isiinis jannata keessaa sadarkaa guddaadha, gabroota Rabbii keessaa isa cimaaf malee nama tokkoof hin taatu. namni sun ana akka tahu hawwa. namni Wasiilaa naaf kadhate shafa'aan kiyya isaaf raggaate".
«إِذَا سَمِعْتُمُ الْمُؤَذِّنَ فَقُولُوا مِثْلَ مَا يَقُولُ، ثُمَّ صَلُّوا عَلَيَّ، فَإِنَّهُ مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا، ثُمَّ سَلُوا اللهَ لِيَ الْوَسِيلَةَ، فَإِنَّهَا مَنْزِلَةٌ فِي الْجَنَّةِ، لَا تَنْبَغِي إِلَّا لِعَبْدٍ مِنْ عِبَادِ اللهِ، وَأَرْجُو أَنْ أَكُونَ أَنَا هُوَ، فَمَنْ سَأَلَ لِيَ الْوَسِيلَةَ حَلَّتْ لَهُ الشَّفَاعَةُ».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni mu'azzina dhaga’e fakkaataa jecha isaa jechuun isa booda akka deddeebisu qajeelfama kennaniiru, yeroo inni "Hayya Al-salaah, hayya alal falaah" jedhu malee, yeroo sana akkana jedha: "Laa Howla walaa quwwata ilaa billaah" jechuunis: Mallis Humnis Rabbiin malee hin jiru jechuudha, jedha. Eega Azaanni xumurame booda nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni haa jiraatu- salawaata buusa, nama yeroo tokko isaan irratti salawaata buuse, Rabbiin yeroo kudhan isa irratti buusa. Rabbiin gabricha Isaa irratti salawaata ni buusa jechuun Malaa'ikaa biratti isa ni faarsa jechuudha. Eegasii Rabbiin Wasiilaa akka isaanif -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- kennu Rabbi kadhachuutti ajajan, Wasiilaa jechuunis sadarkaa tokko kan Jannata keessa jiru yoo ta'u, innis irra ol aanaa sadarkaati. San argachuun ammoo gabroota Rabbii ol ta'e hunda irraa gabricha tokkoof malee nama kamiifuu hin ta'u, salphaas miti, mijatu ykn salphaa miti, Ani isa ta'uu koo nan abdadha. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- wanni akkas jedhaniif of gadi qabuufi; Sababni isaas, sadarkaan ol aanaan sun nama tokko qofaaf yoo ta'u, namni tokkichi sun isaan malee -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- nama biroo ta'uu hin danda'u; waan isaan irra caalaa uumamaa ta'aniif jecha. Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nama isaanif Wasiilaa kadhateef shafa’aan isaanii akka argamtu ibsaniiru, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu.
...:
Waan inni jedhu jechuun Mu'azzinaaf deebii kennuu irratti kakaasuudha.
Eega waan Mu'azzinni jedhe jechuutii Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni haa jiraatu- salawaata buusuun sadarkaa guddaa akka qabuudha.
Eega Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salawaata buusanii wasiilaa isaanif kadhachuu irratti kakaasuudha.
Hiika Wasiilaa fi sadarkaan isii ol aanaa akka ta'e ibsuudha, isiinis gabricha tokko qofaaf malee hin toltu.
Sadarkaa ol aantuu tanaan adda ta'uun sadarkaan Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guddaa ta'uu ibsuudha.
Namni Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wasiilaa kadhate shafa'aan isaaf raggaate.
Isiin isaanif ta'uu waliin ummanni isaanii sadarkaa sana akka isaanif kadhatan barbaaduun of gadi qabuu Nabiyyii -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- ibsuudha.
Hojiin gaariin tokko dachaa kudhaniin baay'atuun tola oolinsi Rabbiiti fi rahmanni Isaa bal'aa ta'uu ibsuudha.
Sahiiha Muslim (1/ 288) (384).
Dabalata (2)
البحر المحيط الثجاج في شرح صحيح الإمام مسلم بن الحجاج (9/ 111 (9/ 109).
المفهم لما أشكل من تلخيص كتاب مسلم (2/ 13).
Cited in books
20 BooksDabalata (20)
- الخطب المنبريةموسوعة الخطب المنبرية (القسم الأول)«مَن صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا»
- الخطب المنبرية موسوعة الخطب المنبرية (القسم الثاني)«مَنْ صَلَّىٰ عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا»
- الخطب المنبريةموسوعة الخطب المنبرية (القسم الثالث)«مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا»
- الخطب المنبريةموسوعة الخطب المنبرية (القسم الثالث)«مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا»
- الذكر والدعاء والعلاج بالرقي من الكتاب والسنة"من صلى عليَّ صلاة صلى الله عليه بها عشراً" .
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهمالصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«إِذَا سَمِعْتُمُ الْمُؤَذِّنَ، فَقُولُوا مِثْلَ مَا يَقُولُ ثُمَّ صَلُّوا عَلَيَّ، فَإِنَّهُ مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى الله عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا، ثُمَّ سَلُوا اللهَ لِيَ الْوَسِيلَةَ، فَإِنَّهَا مَنْزِلَةٌ فِي الْجَنَّةِ، لَا تَ
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«إِذَا سَمِعْتُمُ الْمُؤَذِّنَ، فَقُولُوا مِثْلَ مَا يَقُولُ ثُمَّ صَلُّوا عَلَيَّ، فَإِنَّهُ مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى الله عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا، ثُمَّ سَلُوا اللهَ لِيَ الْوَسِيلَةَ، فَإِنَّهَا مَنْزِلَةٌ فِي الْجَنَّةِ، لَا تَ
- المختصر المفيد للمؤذن والإمام والخطيب وأحكام المساجد«إِذَا سَمِعْتُمْ المُؤَذِّنَ، فَقُولُوا مِثْلَ مَا يَقُولُ، ثُمَّ صَلُّوا عَلَيَّ؛ فَإِنَّهُ مَن صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا، ثُمَّ سَلُّوا اللَّهَ لِيَ الوَسِيلَةَ، فَإِنَّهَا مَنزِلَةٌ فِي الجَنَّةِ، لَا
- المختصر المفيد للمسلم(من صلى عليّ صلاة صلى الله عليه بها عشرا)
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح“إذا سمعتم المؤذن فقولوا مثل ما يقول، ثم صلوا عليّ، فإنه من صلى عليّ صلاة صلى الله عليه بها عشرا، ثم سلوا الله لي الوسيلة؛ فإنها منزلة في الجنة، لا تنبغي إلا لعبد من عباد الله، وأرجو أن أكون أنا هو، فمن سأل لي الوسيلة حلت له الشفاعة”.
- تحفة الأخيار تحفة الأخيار (ببيان جملة نافعة مما ورد في الكتاب والسنة من الأدعية والأذكار)«إِذَا سَمِعْتُمُ الْمُؤَذِّنَ، فَقُولُوا مِثْلَ مَا يَقُولُ ثُمَّ صَلُّوا عَلَيَّ، فَإِنَّهُ مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى الله عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا، ثُمَّ سَلُوا اللهَ لِيَ الْوَسِيلَةَ، فَإِنَّهَا مَنْزِلَةٌ فِي الْجَنَّةِ، لَا تَ
- حصن المسلم من أذكار الكتاب والسنةحصن المسلم«مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا»[265].
- رسالة في الأذكار1«إِذَا سَمِعْتُمُ المُؤَذِّنَ فَقُولُوا مِثْلَ مَا يَقُولُ، ثُمَّ صَلُّوا عَلَيّ؛ فَإِنَّهُ مَنْ صَلَّى عَلَيّ صَلَاةً صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا، ثُمَّ سَلُوا اللهَ لِيَ الْوَسِيلَةَ؛ فَإِنَّهَا مَنْزِلَةٌ فِي الجَنَّةِ لَا تَنْبَ
- رسالة في الأذكار1«مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا».
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 5«إذا سَمِعْتُمُ المُؤَذِّنَ فَقُولُوا مِثْلَ مَا يَقُولُ، ثُمَّ صَلُّوا عَلَيَّ، فَإنَّهُ مَنْ صلَّىٰ عَلَيَّ صلاةً صَلَّىٰ اللهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْراً، ثُمَّ سَلُوا اللهَ لِيَ الْوَسِيلَةَ، فَإنَّهَا مَنْزِلَةٌ في الجَنَّةِ لا تَنْبَغِي إ
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 7«مَنْ صلَّىٰ عليَّ صلاةً صلَّىٰ اللهُ عليه بها عَشْراً».
- مجموعة زاد التربية الإسلامية (1)، والسيرة النبوبة (1)، والعقيدة (1)، والفقه (1)2«من صلى عليَّ صلاةً صلّى الله عليه بها عشرًا».
- مجموعة زاد التربية الإسلامية (1)، والسيرة النبوبة (1)، والعقيدة (1)، والفقه (1)مجموعة زاد الفقه (1)«إِذَا سَمِعْتُمْ الْمُؤَذِّنَ فَقُولُوا مِثْلَ مَا يَقُولُ ثُمَّ صَلُّوا عَلَيَّ، فَإِنَّهُ مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى الله عَلَيْهِ بِهَا عَشْراً، ثُمَّ سَلُوا الله لِي الْوَسِيلَةَ فَإِنَّهَا مَنْزِلَةٌ فِي الْجَنَّةِ لَا تَنْبَغ
- مشروع منهاج زادكزادك 3 طالب نهائي«مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا»
- نبراس طالب (1)1«مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا»