Skip to content

"Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame".

Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

"Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame".

«الصَّلَوَاتُ الْخَمْسُ، وَالْجُمُعَةُ إِلَى الْجُمُعَةِ، وَرَمَضَانُ إِلَى رَمَضَانَ، مُكَفِّرَاتٌ مَا بَيْنَهُنَّ إِذَا اجْتَنَبَ الْكَبَائِرَ».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti salaatonni shanan kan guyyaa fi halkan keessatti dirqama godhamanii fi salaanni jumu'aa torbaan hunda salaatamuu fi woggaa hunda baatii Ramadaanaa soomuun ulaagaa badiiwwan gurguddoo irraa fagaachuutiin badiiwwan xixiqqoo isaan gidduutti raawwatamte ni haqan jechuudha himan. Badiiwwan gurguddoon akka sagaagalummaa fi farsoo dhuguu isiin tawbaan malee hin haqamtu.

Hiika jechchootaa

مكفرات: ماحيات.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Badiiwwan irraa gurguddoo fi xixiqqootu jira.

Baddiiwwan xixiqqoon haqamuuf badiiwwan gurguddoo irraa fagaachuun dirqama.

Badiiwwan gurguddoon isii duuniyaa irratti adabbiin isiidhaaf dhufeedha, yookaan kan Aakhiraatti sodaachifni adabbiidhaan, yookaan dallansuun, yookaan akeekkachiisaan, yookaan nama isii dalge abaaruun, kan isiidhaaf dhufeedha, sun waan akka sagaagalummaa fi farsoo dhuguufaadha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (1/ 209) (233).

Dabalata (8)

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (2/ 183).

نزهة المتقين بشرح رياض الصالحين.

لمصطفى سعيد الخن (1/ 158).

تطريز رياض الصالحين.

لفيصل آل مبارك (ص108).

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم بن عيد الهلالي (1/ 209).