Skip to content

Namichi tokko Nabiyyicha nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkas jedhee gaafate: Islaamummaa keessaa kamtu caala?isaanis akkas jedhaniin: "Nyaata nyaachifta, warra beektu fi warra hin beeknenis salaamataa jetta". ​

Abdullaah bin Amrii irraa odeeffamee Rabbiin isaan irraa haa jaallatu:

Namichi tokko Nabiyyicha nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkas jedhee gaafate: Islaamummaa keessaa kamtu caala?isaanis akkas jedhaniin: "Nyaata nyaachifta, warra beektu fi warra hin beeknenis salaamataa jetta". ​

أَنَّ رَجُلًا سَأَلَ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: أَيُّ الإِسْلاَمِ خَيْرٌ؟ قَالَ: «تُطْعِمُ الطَّعَامَ، وَتَقْرَأُ السَّلاَمَ عَلَى مَنْ عَرَفْتَ وَمَنْ لَمْ تَعْرِفْ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, gaaffii kana irraa gaafatamnaan: Amaloota Islaamaa keessaa kamtu caala? Amaloota lama kaasan: Inni jalqabaa: hiyyeeyyii nyaachisuu baay’isuudha, isa keessa tola ooltummaan, kennaan, keessummeessuu fi affeerraan cidhaa kan galu yoo ta’u, yeroo beelaa fi gatiin jireenyaa qaala'e nyaachisuun immoo daran caalaa ta'a. Inni lammataa: muslima hunda, beektus beekuu baattus salaamataa isaan jechuudha.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sahaabaan amaloota addunyaa fi aakhiraa keessatti nama fayyadan beekuuf fedhii guddaa akka qabaniidha.

Salaamataa jechuu fi nyaata nyaachisuun hojiiwwan Islaama keessatti caalaa ta’an keessaa tokko; Sababni isaas sadarkaa qabaachuu isiiti fi namoonni yeroo hunda keessatti waan itti haajamaniif jecha.

​Amaloota lamaan kana jalatti jechaa fi gochaan waliin tola hojjechuun akka hammatamaniidha, inni tola ooltummaa hunda caalaa guutuudha. ​

Amaloonni kunneen akkaataa Muslimoonni waliin itti jiraataniin kan walqabatu yoo ta’u, hariiroo gabrichi Rabbii isaa wajjiin qabaachuu qabu keessatti amaloota biroo hedduutu jiru. ​

Salaamataan jalqabuun muslimoota qofaaf waan ta’eef kaafira dursanii isaan salaamataa jechuun hin ta'u. ​

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 12) (12).

Sahiiha Muslim (1/ 65) (39).

Dabalata (4)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 604).

مرقاة المفاتيح شرح مشكاة المصابيح.

لعلي القاري (7/ 2936).