Skip to content

«Gara laafummaan waan tokko keessatti hin ta'u isa faayu malee, waan tokko irraa hin fuudhamu isa jibbisiisu malee».

Aa'ishaa haadha manaa nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Gara laafummaan waan tokko keessatti hin ta'u isa faayu malee, waan tokko irraa hin fuudhamu isa jibbisiisu malee».

«إِنَّ الرِّفْقَ لَا يَكُونُ فِي شَيْءٍ إِلَّا زَانَهُ، وَلَا يُنْزَعُ مِنْ شَيْءٍ إِلَّا شَانَهُ».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechaa fi gocha keessatti garaa laafuun, laaffisuun, suuta jechuun, wantootaaf bareedina, guutinaa fi tolina akka dabaluuf ibsani, akkasumas namni garaa laafu dhimma isaa argachuun akka isaaf malu ibsani. garaa laafuu dhabuun wantoota balleessa, abbaa isaas dhimma isaa argachuu irraa isa dhoorga, yoo argatellee rakkinaan woliin argata.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

gara laafummaa haala godhachuutti kakaasuutu keessa jira.

gara laafinni ilma namaa ni faaya, inni dhimmoota diinii fi duuniyaa keessatti toltuu hundaaf sababa.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (4/ 2004) (2594).

Dabalata (4)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 683).

تطريز رياض الصالحين.

لفيصل آل مبارك (ص414).