Skip to content
البَقَرَة /

Ayah 85

2 : 85

Ayah 85 of البَقَرَة (2 : 85). This page carries the verse in the Uthmani script with a translation of its meaning, at a stable URL that can be cited on its own.

البَقَرَة Ayahs 286
2 : 85

ثُمَّ أَنتُمۡ هَٰٓؤُلَآءِ تَقۡتُلُونَ أَنفُسَكُمۡ وَتُخۡرِجُونَ فَرِيقٗا مِّنكُم مِّن دِيَٰرِهِمۡ تَظَٰهَرُونَ عَلَيۡهِم بِٱلۡإِثۡمِ وَٱلۡعُدۡوَٰنِ وَإِن يَأۡتُوكُمۡ أُسَٰرَىٰ تُفَٰدُوهُمۡ وَهُوَ مُحَرَّمٌ عَلَيۡكُمۡ إِخۡرَاجُهُمۡۚ أَفَتُؤۡمِنُونَ بِبَعۡضِ ٱلۡكِتَٰبِ وَتَكۡفُرُونَ بِبَعۡضٖۚ فَمَا جَزَآءُ مَن يَفۡعَلُ ذَٰلِكَ مِنكُمۡ إِلَّا خِزۡيٞ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَيَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ يُرَدُّونَ إِلَىٰٓ أَشَدِّ ٱلۡعَذَابِۗ وَمَا ٱللَّهُ بِغَٰفِلٍ عَمَّا تَعۡمَلُونَ

Ergasii isinuma kanneentu lubbuu keessan (walii) ajjeeftan. garee isin irraa ta’e manneen isaanii irraa baaftan; isaan irrattis badiifi diinummaan wal gargaartan. Yoo isaan booji’amtoota ta’anii isinitti dhufanii immoo isaan bilisoomsitan. inni dhoowwaadha isinirratti isaan baasuun. Sila garii kitaabaatti amantanii gariitti kafartuu? galanni nama isin irraa kana hojjatuu jireenya addunyaa keessatti salphina malee hin jiru. Guyyaa Qiyaamaa gara azaaba cimaa deebifamu. Rabbiin waan isin dalagdan irraa dagataa hin taane.