Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

79 of 559 cards

Clear filters
«Osoo isin irkannaa dhugaa, Rabbirratti irkattanii, silaa akka allaattii soorutti isin soora, garaa duwwaa (beelaan) bobbaatee garaa guuttattee (quuftee) galti».
Sahiiha Imaamu Ahmad, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu maajaa, Ibnu Hibbaan -sahiiha isaa keessatti- fi Haakimtu isa gabaasani
«Arrabni kee Rabbiin zaakkaruu irraa jiidhaa ta'uu irraa hin deemin».
Sahiiha Ahmad, Tirmizii, Ibnu maajaa fi Ibnu Hibbaantu gabaasani
"Rabbiin jannataa fi ibidda yeroo uumetti Jibriiliin -nagaan isarra haa jiraatu- gara jnnataatti ergee, akkas jedhe: gara isiitii fi gara waanan isii keessatti worra isiitiif qopheessee ilaali. isii ilaalee eegasii deebi'uun akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokko isii dhag'ee isii seenu malee hin hafu. eegasii isitti ajajee waan jibbamaan marfamte, eegasii gara isii deemiitii isiidhaa fi gara waanan worra isiitiif isii keessatti qopheessee ilaali. gara isii ilaalee, yeroo inni argu isiin waan jibbamaan marfamtee jirti, eegasii ni jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokkoyyuu isii seenuu dhabuun dhugumatti sodaadhe. ni jedhe: deemi gara ibiddaa fi gara waanan worra isiitiif isii keessatti qopheessee ilaali. gara isii ilaalee yeroo jedhu isiin gariin isii garii isii yaabbata, eegasii deebi'uun akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokkoyyuu isii hin seenu. eegasii isiitti ajajee feedhiiwwaniin marfamte, eegasii ni jedhe: gara isiitti deebi'ii isii ilaali. isii ilaalee yeroo jedhu dhugaatti fedhiiwwaniin marfamtee jirti, eegasii deebi'ee akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha dhugaatti namni tokkoyyuu isii irraa akka hin baraaramnee fi isii seenu malee akka hin hafnen sodaadhe".
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
«namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa mul'isee keennuuti, akkasumas namni sagalee gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa gadi qabee kennuuti».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
«Rabbiin gabricha isaatti irra dhihoo kan ta'u dhuma halkan wolakkaati yeroo sanatti worra Rabbiin zakkaran irraa ta'uu yoo dandeesse ta'i».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafa tokko nu gidduu dhaabbatanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaattee ijji irraa imimmaan dhangalaafte nu gorsan, eegasii ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii gorsa nama nagaa namatti dhaammatuu nu gorsitanii, nuu dhaamaa, isaanis ni jedhan: "Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qajeeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa, ilkaan a'ootiin isirratti ciniinaa, wantoota haaraa bid'aa ta'an irraa fagaadhaa, hundummaan bid'aatuu jal’ina waan ta’eef".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Yaa ilmaan namaa salaamataa facaasaa, nyaata nyaachisaa, firooma fufaa, yeroo namni rafu halkaniin salaataa, nagaadhaan jannata seentuutii».
Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
«Hojiilee keessan keessaa irra caalaa isiniif himuu, akkasumas Rabbii keessaniin biratti irra qulqulluu ishee, sadarkaa keessan ol kaasuu keessatti irra ol aantuu ishee, warqee fi meetii kennachuu irra caaltuu kan taate fi diina keessan qunnamtanii morma isaanii rukutuu fi isaanis morma keessan rukutuu irra caaltuu kan taate isiniif himuu?» ni jedhan: Eeyyee. Isaanis ni jedhan: «Rabbii ol ta'e zakkaruudha».
Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan