Skip to content

«Rabbiin gabricha isaatti irra dhihoo kan ta'u dhuma halkan wolakkaati

Abuu umaamaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: amri ibnu abasaan nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu akka dhaga'ee jiru naaf odeesse:

«Rabbiin gabricha isaatti irra dhihoo kan ta'u dhuma halkan wolakkaati yeroo sanatti worra Rabbiin zakkaran irraa ta'uu yoo dandeesse ta'i».

«أَقْرَبُ مَا يَكُونُ الرَّبُّ مِنَ العَبْدِ فِي جَوْفِ اللَّيْلِ الآخِرِ، فَإِنْ اسْتَطَعْتَ أَنْ تَكُونَ مِمَّنْ يَذْكُرُ اللَّهَ فِي تِلْكَ السَّاعَةِ فَكُنْ».

Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin gabrichatti irra dhihoo kan ta'u halkan gara dhumaa akka ta'e himani; -yaa nama mu'uminaa- yoo woffaqamtee dandeesse yeroo kana keessatti worra Rabiin gabbaranu kan salaatanu, zakkaranu, gara isaa deebi'anu irra akka taatuuf inni dhimma isa booji'achuu fi isa keessatti tattaffachuun haalaan barbaachisuudha.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Dhuma halkanii keessa Rabbiin zakkaruutti muslima kakaasuu.

Yeroowwan zikrii, kadhaa fi salaataa gidduu isaanitti kan wol caalu ta'uudha.

Aalimni miirak jedhamu addaa addummaan gidduu jecha isaanii: "Rabbiin gabrichatti irra dhihoo kan ta'u" jedhuufi jecha isaanii: "gabrichi Rabbii isaatti irra dhihoo kan ta'u yeroo sujuuda keessa jirudha" jedhu gidduu jiru keessatti akkana jedhe: kan jalqabaa irratti yeroo Rabbiin gabrichatti irra dhihoo ta'u ibsuudha, innis halkan wolakkaadha, jechi inni lammaffaan immoo yeroo gabrichi Rabbii isaatti irra itti dhihaatu ibsuudha, innis yeroo sujuudaati.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Tarmizii (5/ 537) (3579).

Sunana Abbaa Daawuud (2/ 454) (1277).

Sunana Nasaa'ii (1/ 279) (572).

Dabalata (8)

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (2/ 1019).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (5/ 509).

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (17/ 535).

مشكاة المصابيح.

للتبريزي (1/ 387).