Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

4 of 559 cards

Clear filters
“Tokkoon keessan yeroo imaama dura mataa isaa ol kaasu, Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuu, ykn Rabbiin suuraa isaa suuraa harree taasisuu hin sodaatuu?".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Tarree keessan qajeelchaa, tarree qajeechuun salaata guutuu irraayi».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Yeroo salaattan tarree keessan qajeelchaa, eegasii tokkoon keessan imaama isiniif haa ta'u, yeroo inni Allaahu akbar jedhe isinis Allaahu akbar jedhaa, Yeroo inni akkana jedhe: {Geyril magduubi Aleyhim waladdaalliin} [Faatihaa: 7], isin ammoo akkana jedhaa: Aamiin, Rabbiin isiniif owwaataa, Yeroo inni Allaahu Akbar jedhee jilba qabate isinis Allaahu akbar jedhaa jilba qabadhaa, Imaamni isin dura jilba qabatee, isin duras ol jedha", Ergamaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-: "suni saniini, yeroo inni akkana jedhe: Sami'allaahu liman hamidah, jechuunis: Rabbiin nama isa faarse dhagahe jechuudha, isin akkana jedhaa: Allaahumma Rabbanaa lakalhamd, jechuunis: Yaa Rabbii, Gooftaa keenya Galanni Siif haa ta’u" jechuudha. Rabbiin isiniif ni dhagaha, Rabbiin ol tahe, arraba Nabiyyii Isaatiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni jedhe: Rabbiin nama Isa faarsef dhagahe, yeroo inni Allaahu Akbar jedhee sujuuda godhe isinis Allaahu akbar jedhaa sujuuda godhaa! Imaamni isin dura sujuuda godhee, isin duras ol jedha, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni jedhan: "suni saniin, yeroo taa'uu bira gahe, jalqaba waan tokkoon keessan jedhu irraa haa ta'u: Attahiyyaatu, Axxayyibaatu, Assalawaatu Lillaah, Assalaamu aleyka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh, assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin, Ash'hadu an laa ilaaha illallaah, wa Ash'hadu anna muhammadan abduhuu wa rasuuluh, jechuunis: kabajoowwan, wanti gaggaarii fi rahmanni Rabbiifi, yaa nabiyyii, nageenyi fi rahmanni Rabbii fi barakaan Isaa sirra haa jiraatu, nageenyi nuu fi gabroota Rabbii gaggaari irras haa jiraatu, Rabbiin malee gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa baha, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa ba’a" jechuudha.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namicha tokko kan kophaa isaa tarree (saffii) duubaa irratti salaatu arganii, salaata isaa irra deebi’ee akka raawwatu isa ajajan.
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani