«Jedhi: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Rabbiin Guddate, galanni baay'een Rabbiif haa ta'u, Rabbiin Aalamaa waan Isaaf hin malle irraa qulqullaaye, humnis mallis Rabbii injifataa, ogeessa ta’een malee hin jiru?"
Sa'ad irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaalatu- ni jedhe:
Namni wahii baadiyyaa irraa gara Ergamaa Rabbiitti dhufee, -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedheen: jecha wahii kanin isa jedhu na barsiisaa, Isaanis ni jedhani: «Jedhi: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Rabbiin Guddate, galanni baay'een Rabbiif haa ta'u, Rabbiin Aalamaa waan Isaaf hin malle irraa qulqullaaye, humnis mallis Rabbii injifataa, ogeessa ta’een malee hin jiru?" Namichi ni jedhe: "Kuni Rabbii kiyyaafi, anaaf hoo" jechuun gaafate, isaanis akkas jedhaniin: " Jedhi: Yaa Rabbi, dhiifama naaf godhi, naafis rahmata godhi, na qajeelchi, rizqii naaf kenni".
جَاءَ أَعْرَابِيٌّ إِلَى رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَالَ: عَلِّمْنِي كَلَامًا أَقُولُهُ، قَالَ: «قُلْ: لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، اللهُ أَكْبَرُ كَبِيرًا، وَالْحَمْدُ لِلَّهِ كَثِيرًا، سُبْحَانَ اللهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ، لَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إِلَّا بِاللهِ الْعَزِيزِ الْحَكِيمِ» قَالَ: فَهَؤُلَاءِ لِرَبِّي، فَمَا لِي؟ قَالَ: «قُلْ: اللهُمَّ اغْفِرْ لِي وَارْحَمْنِي وَاهْدِنِي وَارْزُقْنِي».
Namichi warra baadiyyaa irraa ta'e wahii zikrii isa jedhu akka isa barsiisaniif Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni gaafate, Rasuullis nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhaniin: Jedhi: “Laa ilaaha illallaahu wahdahu laa shariika lah” tokkichummaa Rabbii ragaa bahuun eegale, hiikni ishees inni haqaan gabbaramu Rabbii tokkicha malee hin jiru jechuudha, "Allaahu akbar kabiiraa" Jechuunis: Rabbiin waan hundumaa irra guddaadha, caalaadha jechuudha. "Wal Hamdu lillaahi kasiiraa” Jechuunis: faaruun baa'een kan Rabbiiti, sifowwan, hojiilee fi qananiiwwan Isaa tan lakkoofsa hin qabne irratti, "Subhaanallaahi Rabbil aalamiin" Jechuunis: Rabbiin hirdhinaa fi waan Isaan hin malle hunda irraa qulqullaa'e jechuudha, "Laa howla walaa quwwata illaa Billaahil aziizil hakiim" Jchuunis: gargaarsa Rabbiiti fi towfiiqa Isaatin malee haala tokko irraa gara haala biraatti jijjiiramni hin jiru jechuudha. Namichis akkana jedhe: Jechoonni kun Rabbii kiyya akka Isa yaadachuu fi ulfina isaaf kennuufi, ofii kootiif hoo maal kadhadha? Rasuullis, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhaniin: Jedhi: "Yaa Rabbi dhiifama naaf godhi". Badiiwwan haqee ishee dhoksuun, "Rahmata naaf godhi" Faayidaa fi dantaa amantii fi addunyaa naaf argamsiisuun, "Na qajeelchi" Haala gaarii fi karaa qajeelaa ta’eetti, "Na razaqi" Qabeenya halaala ta'e, fayyaa, kheyrii hundaa fi nagaa ta'uu.
...:
Laa ilaaha ilaaha illallaah , Allaahu Akbar, Alhamdulih, Suubhaanallaah jechhuun zikrii Rabbii irratti jajjabeessuudha.
Du'aa'ii duratti Rabbiin zakkaranii Isa faarsuun jaalatamaa ta'uudha.
Namni tokko yeroo du'aa'ii godhatu du'aa'ii hundarra gaarii ta’ee fi kan Qur'aana fi Hadiisatti dhufee kheyrii duniyaa fi aakhiraa hammateen kadhachuun jaalatamaa ta'uudha, akkasumas waan barbaadeen kadhachuu ni danda'a.
Gabrichi waan addunyaa fi aakhiratti isa fayyadu barachuu irratti bololuudha qaba.
Araara, rahmataa fi rizqii barbaaduu irratti kakaasuudha, sababni isaas waan wantoonni kunneen kheyrii hammataniif jecha.
Ummata isaanii waan isaan fayyadu isaan barsiisuu irratti gara laafina Rasuulli qabaniidha, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu.
Rahmanni booda araarama kadhachuutii wanni dubbatamteef akka qulqullinni guutuun argamuuf jecha, araaramni badiiwwan haquu, dhoksuu fi ibidda irraa bilisa ta'uu of keessaa qaba, rahmanni immoo kheyrii adda addaa fiduu fi jannata seenuun milkaa'uudha of keessaa qaba, kunis milkii guddaadha.
Sahiiha Muslim (4/ 2072) (2696).
Dabalata (6)
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (2/ 498).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (2/ 972).
مرقاة المفاتيح شرح مشكاة المصابيح.
لعلي القاري (4/ 1606).
Cited in books
11 BooksDabalata (11)
- الذكر والدعاء والعلاج بالرقي من الكتاب والسنة"قل: لا إله إلا الله وحده لا شريك له، الله أكبر كبيراً والحمدُ لله كثيراً، سبحان الله رب العالمين، لا حول ولا قوة إلا بالله العزيز الحكيم" قال فهؤلاء لربي فمالي؟ قال "قل: اللهم اغفر لي، وارحمني، واهدني وارزقني".
- المختصر المفيد للمؤذن والإمام والخطيب وأحكام المساجد«لَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إِلَّا بِاللَّهِ»
- تحفة الأخيار تحفة الأخيار (ببيان جملة نافعة مما ورد في الكتاب والسنة من الأدعية والأذكار)«قُلْ: لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، اللَّهُ أَكْبَرُ كَبِيرًا، وَالْحَمْدُ لِلَّهِ كَثِيرًا، سُبْحَانَ اللَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ، لَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إِلَّا بِاللهِ الْعَزِيزِ الْحَكِيمِ» قَالَ: فَهَؤُلَاءِ لِرَ
- حصن المسلم من أذكار الكتاب والسنةحصن المسلم«لَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إِلَّا بِاللَّهِ»[44].
- حصن المسلم من أذكار الكتاب والسنةحصن المسلملَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إِلَّا بِاللَّه
- حصن المسلم من أذكار الكتاب والسنةحصن المسلملَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إِلَّا بِاللَّهِ»[306].
- حصن المسلم من أذكار الكتاب والسنةحصن المسلملَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إِلَّا بِاللَّه
- حصن المسلم من أذكار الكتاب والسنةحصن المسلملَا إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، اللَّهُ أَكْبَرُ كَبِيرًا، وَالحَمْدُ لِلَّهِ كَثِيرًا، سُبْحَانَ اللَّهِ رَبِّ العَالَمِينَ، لَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إِلَّا بِاللَّهِ العَزِيزِ الحَكِيمِ»
- حصن المسلم من أذكار الكتاب والسنةحصن المسلملَا إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، اللَّهُ أَكْبَرُ كَبِيرًا، وَالحَمْدُ لِلَّهِ كَثِيرًا، سُبْحَانَ اللَّهِ رَبِّ العَالَمِينَ، لَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إِلَّا بِاللَّهِ العَزِيزِ الحَكِيم
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 7«قُل: لا إلهَ إلَّا اللهُ وحدَهُ لا شريكَ لَهُ، اللهُ أكبرُ كبيراً، والحمدُ لله كثيراً، وَسُبْحَانَ اللهِ ربِّ العالمين، ولا حولَ ولا قوَّةَ إلَّا بالله العزيزِ الحكيمِ» قَالَ: فهؤلاء لربِّي، فما لي؟ قَالَ: «قُل: اللّهم اغفرْ لي، وارحمْني،
- فضل الدعاء وآدابه والأوقات التي يستحب فيها"لا حول ولا قوة إلا بالله"