Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

11 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irratti haa jiraatu- galgalaa fi ganama du'aa'iilee kanneen hin dhiisan ture: «Yaa Rabbi addunyaa fi aakhirattis fayyaa si kadhadha, Yaa Rabbi dhiifamaa fi fayyaa Amantii koo, addunyaa koo, maatii koo fi qabeenya koo keessatti si kadhadha, yaa Rabbi eybii koo naa sattari, sodaa irraa bilisa na baasi, Yaa Rabbi dura koo, duuba koo, mirga koo, bitaa koo fi gubbaa koo na tiksi, bakka ani hin beekne irraa balaa natti dhufu irraan sitti maganfadha».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii, Ibnu Maajaaa fi Ahmadtu gabaasani
«Yaa Rabbi kheyrii hunda si kadhadha, ariifataa fi harkifataa isaa, waan ani beekuf hin beeknes, badii hundumaa irraa sitti maganfadha, ariifataa fi harkifataa isaa,waan ani beekuf hin beeknes, Yaa Rabbi gaarii waan gabrichi kee fi Nabiyyiin kee si kadhatan si kadhadha, hamtuu gabrichi kee fi Nabiyyiin kee irraa maganfatan irraa sitti maganfadha, Yaa Rabbi jannataa fi jecha ykn gocha irraa waan gara isitti na dhiheessu si kadhadha, Ibiddaa fi jecha ykn gocha irraa waan gara isitti na dhiheessu irraa sitti maganfadha, Murtoo naaf murteessitu hunda akka gaarii gootu si kadhadha».
Sahiiha Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Yaa Rabbi, qananiin kee baduu irraa, fayyaan jijjiiramuu irraa, balaa tasaa fi dallansuu kee hundumaa irraa sitti maganfadha».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jechuudha ture: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuu kan heddummeessu turani: «Yaa kan qalbii garaggaggalchitu qalbii kiyya amantii kee irratti raggasisi», nan jedhe: yaa ergamaa Rabbii, sii fi waan ati ittiin dhuftetti amannee jirra, nurratti ni sodaattaa? isaanis ni jedhani: «eeyyeen, qalbiin quboowwan Rabbii keessaa quba lameen gidduutti argamti akka fedhe isii garaggaggalcha».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
«Yaa Rabbi! liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha».
Sahiiha Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasani
Yaa Ergamaa Rabbii waan tokko kan ani Rabbii ol ta'een kadhu na barsiisi. Ergamaanis ni jedhani: «Fayyummaa Rabbiin kadhu», guyyaa hanga ta'e tureen, eegasii ammas dhufee akkas jedheen: yaa Ergamaa Rabbii waan tokko kan ani Rabbiin kadhu na barsiisi. Ergamaanis naan jedhani: «yaa Abbaas yaa abbeeraa ergamaa Rabbii, duuniyaa fi Aakhiraatti fayyummaa Rabbiin kadhu».
Sahiiha kan biraatiin Tirmizii fi Ahmad gabaasani
«Yaa Rabbii koo, dilii koo fi wallaalummaa koo naaf dhiisi, dhimma koo hunda keessattis garmalee waa qisaasessuus naaf dhiisi, waan ati ana irraa beektus naaf dhiisi, Yaa Rabbi dilii koo, waan beekaa dalage, waan wallaalummaan dalagee fi qoosaa koo naaf dhiisi, hundi ana bira jira, Yaa Rabbi waan dursee fi waan hafees naaf dhiisi, waan dhoksee dalagee fi ifaatti dalages naaf dhiisi, ati (abbaafeete) dursaa dha, ati (abbaafeete) boodattis hanbisaadha, ati waan hunda irratti danda'aadha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan