«Harka kee qaama kee irraa bakka dhukkubbiin sitti dhagahamu irra kaa’ii, akkana jedhi: Bismillaah" Maqaa Rabbiitin, yeroo sadii, ergasii yeroo torba akkana jedhi: "Hammeenya na mudatee fi sodaadhu irraa Rabbii fi dandeettii isaatti maganfadha».
Usmaan bin Abii Al-Aas al-saqafii irraa akka odeeffametti -Rabbi irraa haa jaallatu- inni Ergamaa Rabbiititti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- erga Islaamummaa qabatee dhukkubbiin qaama isaatti akka dhagahamu himate, Ergmmaanis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhaniin:
«Harka kee qaama kee irraa bakka dhukkubbiin sitti dhagahamu irra kaa’ii, akkana jedhi: Bismillaah" Maqaa Rabbiitin, yeroo sadii, ergasii yeroo torba akkana jedhi: "Hammeenya na mudatee fi sodaadhu irraa Rabbii fi dandeettii isaatti maganfadha».
«ضَعْ يَدَكَ عَلَى الَّذِي تَأَلَّمَ مِنْ جَسَدِكَ، وَقُلْ بِاسْمِ اللهِ ثَلَاثًا، وَقُلْ سَبْعَ مَرَّاتٍ أَعُوذُ بِاللهِ وَقُدْرَتِهِ مِنْ شَرِّ مَا أَجِدُ وَأُحَاذِرُ».
Usmaan bin Abii Al-Aas -Rabbi irraa haa jaallatu- dhukkubbii isa ajjeesuuf ka'e wahiitu isa mudatee jennaan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- isa gaafachuuf jecha gara isaa dhufanii, du'aa'ii sababaa isaatin Rabbiin dhukkuba isa mudate isa irraa kaasu isa barsiisan; innis eddoo dhibamu irra harka isaa kaa'ee akkana jedha: (Bismillaah) Yeroo sadii, ergasii yeroo torba akkana jedha: (A'uuzu/nan maganfadha) kooluu barbaada, ofiin eega, ofin tiksa (Rabbii fi dandeettii isaatti hammeenya waan ofitti arguu irraa) laalaa ammaa irraa fi (waanan sodaadhu) yaaddoo fi sodaa irraa fuulduratti argamuu isaa kanan sodaadhu irraa, ykn dhukkubni kun itti fufee laalaan isaa qaama wal gaya jedhee waanan sodaadhu irraa isatti maganfadha.
Akka Hadiisicha keessatti ibsametti ofiif ruqyaa gochuun/of yaaluun ni jaalatamaadha.
Dhukkuba himachuun -nuffuu fi mormii malee yoo ta'e- Rabbiin irratti hirkachuu fi obsa hin faallessu.
Du'aa'ii gochuun wantoota sababaa tahan keessaa isa tokko waan ta’eef, jechootaa fi lakkoofsa isaa irratti cichuun barbaachisaadha.
Du'aa'iin kun dhukkubbii qaama hundaaf taha.
Yeroo du'aa'ii kanaan ruqyaa godhatan harka bakka dhukkubbii san irra kaa’uudha.
Sahiiha Muslim (4/ 1728) (2202).
Dabalata (8)
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (2/ 163).
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (4/ 481).
فيض القدير شرح الجامع الصغير.
لعبدالرؤوف المناوي (1/ 284).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (1/ 689).
Cited in books
6 BooksDabalata (6)
- حصن المسلم من أذكار الكتاب والسنةحصن المسلمأَعُوذُ بِاللَّهِ وَقُدْرَتِهِ مِنْ شَرِّ مَا أَجِدُ وَأُحَاذِرُ»[289].
- حصن المسلم من أذكار الكتاب والسنةحصن المسلمأَعُوذُ بِاللَّهِ وَقُدْرَتِهِ مِنْ شَرِّ مَا أَجِدُ وَأُحَاذِر
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 5«ضَعْ يَدَكَ عَلَىٰ الذي تَألَّمَ مِنْ جَسَدِكَ، وقلْ: بسم الله ثلاثاً، وقُلْ سَبْعَ مرَّاتٍ: أعُوذُ بعزَّة الله وقُدْرتهِ مِنْ شَر ما أجدُ وأحاذِرُ».
- فتاوى المرضىفتاوى المرضى «ضع يدك على الذي تألم من جسدك، وقل: بسم الله، ثلاثًا، وقل سبع مرات: أعوذ بالله وقدرته من شر ما أجد وأُحاذِر»
- مجموعة زاد العقيدة (2)1ضعْ يدَكَ على الذي تألَمُ من جَسَدِك، وقلْ: بسم ﷲ ثلاثًا، وقل سبعَ مراتٍ: «أعوذُ بعزَّةِ ﷲ وقدرتهِ من شرِّ ما أجِدُ وأُحاذرُ»
- مشروع المنهج التعليميمادة التوحيد مستوى 4 «أَعُوذُ بِعِزَّةِ اللهِ وَقُدْرَتِهِ مِنْ شَرِّ مَا أَجِدُ وَأُحَاذِرُ»