Skip to content

«Booda kootii dhiirota irratti qormaata miidhaa ta'e kan akka dubartootaa hin dhiifne».

Usaamaa ibnu Zayd irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Booda kootii dhiirota irratti qormaata miidhaa ta'e kan akka dubartootaa hin dhiifne».

«مَا تَرَكْتُ بَعْدِي فِتْنَةً أَضَرَّ عَلَى الرِّجَالِ مِنَ النِّسَاءِ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- booda isaaniitii dhiirota irratti qormaata miidhaa qabu kan akka dubartootaa akka hin dhiisin himani; dubartiin maatii isaa irraa yoo taate shari'aa faallessuu keessatti isii hordofuutu mala, ajanabiyyaa yoo taate immoo isii woliin wolitti makamuu fi woliin qofaa ba'uun waan sana irraa badii argamuun ta'a.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

muslimni qormaata dubartii irraa of eeggachuu qaba, akkasuma daandii isiin qoramutti nama geessu hunda duuchutu isa irraa eegama.

Mu'uminni Rabbiin of tiksuutu isa irraa barbaadama, akkasuma qormaata irraa akka baraaramuufis isa kajeeluu qaba.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (7/ 8) (5096).

Sahiiha Muslim (4/ 2097) (2740).

Dabalata (3)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (373).

فتح الباري لابن حجر (9/ 138).