Namni akka wuduu’a kiyyaa kana godhatee eegasii osoo ofitti hin dubbatin raka’aa lama salaate Rabbiin dilii isaa irraa kan dabre isaaf ni araarama
...
Humraan bilsoomfamaa Usmaan bin Affaan Usmaan argee akka himetti: Usmaan bin Affaan bishaan wuduu'aa waammatee, meeshaa isaa irraa harka isaa lamaan irratti dhangalaasee, yeroo sadii isaan lamaan dhiqate, egasii harka mirgaa bishaan keessa galchee, egasii lulluuqqatee funyaanitti ol fudhatee gad deebise, eegasii fuula isaa yeroo sadii dhiqate, harka isaa lameenis ciqilee waliin yeroo sadii dhiqate, egasii mataa isaa haxaawwate, egasii hunda luka isaa yeroo sadii dhiqatee, egasii akkana jedhe: Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wuduu'a akka an itti raawwachaa ture kanatti raawwatanii, itti aansuun akkana jedhanin arge: “Namni akka wuduu’a kiyyaa kana godhatee eegasii osoo ofitti hin dubbatin raka’aa lama salaate Rabbiin dilii isaa irraa kan dabre isaaf ni araarama".
عَنْ حُمْرَانَ مَوْلَى عُثْمَانَ بْنِ عَفَّانَ أَنَّهُ رَأَى عُثْمَانَ بْنَ عَفَّانَ دَعَا بِوَضُوءٍ، فَأَفْرَغَ عَلَى يَدَيْهِ مِنْ إِنَائِهِ، فَغَسَلَهُمَا ثَلَاثَ مَرَّاتٍ، ثُمَّ أَدْخَلَ يَمِينَهُ فِي الْوَضُوءِ، ثُمَّ تَمَضْمَضَ وَاسْتَنْشَقَ وَاسْتَنْثَرَ، ثُمَّ غَسَلَ وَجْهَهُ ثَلَاثًا، وَيَدَيْهِ إِلَى الْمِرْفَقَيْنِ ثَلَاثًا، ثُمَّ مَسَحَ بِرَأْسِهِ، ثُمَّ غَسَلَ كُلَّ رِجْلٍ ثَلَاثًا، ثُمَّ قَالَ: رَأَيْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَتَوَضَّأُ نَحْوَ وُضُوئِي هَذَا، وَقَالَ: «مَنْ تَوَضَّأَ نَحْوَ وُضُوئِي هَذَا ثُمَّ صَلَّى رَكْعَتَيْنِ لَا يُحَدِّثُ فِيهِمَا نَفْسَهُ غَفَرَ اللهُ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ».
Ūsmaan Rabbiin irraa haa jaallatuu akkaataa wuduu'a Nabiyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gochaan; akka tolchee namaa ifutti ibse. Bishaan meeshaa keessa jiru akka fidaniif barbaadee, egasii harka isaa lamaan irratti yeroo sadii dhangalaase, sana booda harka isaa mirgaa meeshicha keessa galchee bishaan kessaa fudhatee afaan keessa naqatee baase, egasii bishaan hafuura isaatin garaa keessoo funyaanitti harkise, egasii gad baasee facaase, egasii fuula iaa yeroo sadii dhiqate, egasii harka isaa lameen ciqilee waliin yeroo sadii dhiqate, egasii yeroo tokko haraka isaa rifeensa isaatirra ofee bishaanin jiise, egasii luka isaa kiyyoo lamaan waliin yeroo sadii dhiqe. Yeruma wuduu'a godhatee raawwate -Rabbiin irraa haa jaallatu- inni akka Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- fakkaataa wuduu'a kanaa godhatan arge isaanitti hime, akkasumas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun akka isaan gammachiisan isaanitti hime: namni fakkaataa wuduu'a isaanii kana wadda'atee raka'aa lama qalbii khushuu'a fi sodaa Rabbii qabuun salaate Rabbiin wuduu'a guutuu fi salaata qulqulluu kana irratti yakkoota isaa irraa waan dabre isaaf araaramuun isa mindeessa.
مولى عثمان: عتيقه، فحمران كان مملوكًا لعثمان رضي الله عنه فأعتقه عثمان.
وَضُوء: الماء الذي يتوضأ به. وأصل الوضوء من الوضاءة، وهي الحسن والنظافة فسمي وضوء الصلاة وضوءًا؛ لأنه يُنَظِّف صاحبه.
غفر له: غفر الله له، والمغفرة ستر الذنب والتجاوز عنه.
Harka lamaan yeroo dura wuduu'a eegaluuf jedhan osoo meeshaa bishaanii keessa isaan hin galchine dhiqachuun jaallatamaa ta'uudha, Kuni yoo hirriba irraa ka'aa hin tahini, yoo hirriba halkanii irraa ka'aa ta'e ammoo isaan lamaan dhiqachuun dirqama ta'a.
Barsiisaan karaa barumsaa hubannaaf irra dhiyaatu fi barataan akka barumsa qayyabatuuf gargaaru barbaadun irraa eeegama, san keessaa tokko hojiidhan barsiisuudha.
Nama salaatuf yaada hojii duniyaatin wal qabatu ofirraa ofuun barbaachisaadha, Salaanni guutuu fi sirrii ta'uun yeroo lubbuun salaata waliin jiraatteedha, yoo san hin taane yaada lubbuu irraa nagaya ta'uun hin danda'amu, kanaaf lubbuu isaa walitti fufiinsan dhimma kana irraatti wal'aanuun irra jiraata, sana jala deemuu hin qabu.
Wuduu'a keessatti mirgaan eegaluun jaalatamaa ta'uudha.
Tartiibni jidduu lulluuqatuu fi bishaan funyaanitti ol fudhatanii gad deebisuu karaa ta'uudha.
Fuula, harka lamaani fi miila lamaan yeroo sadi dhiqatuun jaallatamaa ta'uu isaati, dirqamni ammoo yeroo tokko dhiqatuudha.
Rabbiin yakkoota irraa waan dabre namaa dhiisun waa lama irratti hundaaya: Wuduu'a fi Salaata raka'aa lamaa akkaataa hadiisicha keessatti ibsameen salaatuudha.
Humna humnoowwan wuduu'aa irraa ta'e hundaafuu daangatu jira: daangan fuulaa: dheerinatti iddoo rifeensi mataa kan barame itti biqilu irraa kaasee hanga waan areeda irraa gadi bu'ee fi qoffee gahutti, dalgatti ammoo gurraa hanga gurraati. Daangaan harkaa ammoo qaccee qubbeenii irraa hanga ciqilee gahutti, innis qoodduu irree fi harka gara duraati. Daangaan mataa moggaalee fuulaa irraa iddoo aadatti rifeensi itti biqilu irraa gateettii gara olii hanga gahutti, gurra lameen haquun mataa irraayi. Daangaan miilaa: miila guutumatti koomee jidduu miilatii fi mogolee adda qoodu waliin.
Sahiiha Bukhaarii (1/ 44) (164).
Sahiiha Muslim (1/ 204) (226).
Dabalata (6)
الإلمام بشرح عمدة الأحكام.
لإسماعيل الأنصاري (1/ 16).
تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.
للبسام (ص26).
تنبيه الأفهام شرح عمدة الأحكام.
لابن عثيمين (1/ 24).
Cited in books
5 BooksDabalata (5)
- التمسك بالسنة النبوية وأثاره2«من توضّأ نحـو وضوئـي هـذا، ثم صلـى ركعتين لا يحدّث فيهما نفسه؛ غفر الله له ما تقدّم من ذنبه».
- المختصر المفيد للمسلم(مَن تَوَضَّأَ نَحْوَ وُضُوئِي هذا، ثُمَّ صَلَّى رَكْعَتَيْنِ لا يُحَدِّثُ فِيهِما نَفْسَهُ، غَفَرَ اللَّهُ له ما تَقَدَّمَ مِن ذَنْبِه)
- ما لا يسع أطفال المسلمين جهله«مَنْ تَوَضَّأَ نَحْوَ وُضُوئِي هَذَا ثُمَّ صَلَّى رَكْعَتَيْنِ لَا يُحَدِّثُ فِيهِمَا نَفْسَهُ، غُفِرَ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ»[23].
- مشروع منهاج زادكزادك 2 طالب نهائي«مَنْ تَوَضَّأَ نَحْوَ وُضُوئِي هَذَا، ثُمَّ صَلَّى رَكْعَتَيْنِ لَا يُحَدِّثُ فِيهِمَا نَفْسَهُ، غَفَرَ اللهُ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ»
- نبراس طالب (2)نبراس طالب (2) عَنْ حُمْرَانَ مَوْلَى عُثْمَانَ رضي الله عنه، أَنَّ عُثْمَانَ بْنَ عَفَّانَ رضي الله عنه: دعَا بِوَضُوءٍ، فَأَفْرَغَ عَلَى يَدَيْهِ مِنْ إِنَائِهِ، فَغَسَلَهُمَا ثَلَاثَ مَرَّاتٍ، ثُمَّ أَدْخَلَ يَمِينَهُ فِي الوَضُوءِ، ثُمَّ تَمَضْمَضَ وَ