«Waan Rabbiin diliiwwan isaan haqee sadarkaalee isaan ol kaasutti isin qajeelchuu?»
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Waan Rabbiin diliiwwan isaan haqee sadarkaalee isaan ol kaasutti isin qajeelchuu?» ni jedhan: Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii, isaanis ni jedhan: «wuduu’a osoo namatti jabaatuu waliin gahuun raawwachuu, gara masjiidotaatti tarkaanfii baay'isuu fi salaata booda salaata biraa eeggachuudha, suni hidhannaa cimaa».
«أَلَا أَدُلُّكُمْ عَلَى مَا يَمْحُو اللهُ بِهِ الْخَطَايَا، وَيَرْفَعُ بِهِ الدَّرَجَاتِ؟» قَالُوا بَلَى يَا رَسُولَ اللهِ قَالَ: «إِسْبَاغُ الْوُضُوءِ عَلَى الْمَكَارِهِ، وَكَثْرَةُ الْخُطَا إِلَى الْمَسَاجِدِ، وَانْتِظَارُ الصَّلَاةِ بَعْدَ الصَّلَاةِ، فَذَلِكُمُ الرِّبَاطُ».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- hojiilee diliiwwaniif araarama argachuu fi kitaabban tiksitootaa irraa haqamuu isheeti fi sadarkaaleen jannata keessatti ol ka'uuf sababaa tahan irratti isaan qajeelchuu akka barbaadan sahaabota isaanii gaafatan? Sahaabonni akkana jedhan: Eeyyee, nuti akkas barbaanna. isaanis ni jedhan: Inni jalqabaa: Rakkina akka qorraa, hanqina bishaanii, dhukkubbii qaamaa fi bishaan hoo'aa ta'uu waliin wuduu’a guutanii raawwachuudha. Lammaffaan: Manni irraa fagaatuu waliin gara masjidaatti tarkaanfii heddummeessuudha. Sadaffaan: Yeroo salaataa eeggachuu, qalbii itti rarra'uu, itti of qopheessuu fi masjiida keessa jamaa’aa eeggachuuf taa'uudha, Yeroo salaata raawwate hanga salaanni biraa dhuftutti bakka itti salaate san tura. Sana booda Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhimmoonni kun dubbii hidhannaa dhugaa ta’uu ibsan; sababni isaas karaawwan sheyxaanaa nafsiyyaa irraa waan cuftee, fedhii ishee waan gad qabdee, waswaasa qeebaluu irraa waan ishee dhoorgituuf jecha, kanaani ummatni Rabbii waraana sheyxaanaa injifata; kun jihaada guddaadha, sababaa kanaan sadarkaa hidhannaa eddoo diinaa irratti taate.
Barbaachisummaa salaata jamaa’aa masjiida keessatti eeggachuuti fi salaataaf xiyyeeffannaa kennuu fi irraa shaagaluu dhabuuti.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- dhiheessii gaarii dhiyeessanii sahaaboota isaanii hawwisiisuudha, sunis bifa gaafitiin mindaa guddaan eegaluuni, kunis mala baruu fi barsiisuu keessaa isa tokkoodha.
Faayidaa dhimmicha bifa gaaffii fi deebitiin dhiyeessuu: Haasaan sun caalaatti akka qabamu gochuudha, sababaa dhoksanii eegasii ibsuutin.
Al-Nawawiin, Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu, akkana jedhe: Sun hidhannaadha, jechuun: Hidhaa barbaachisaa ta'eedha, ka’umsi hidhaa immoo waan tokkotti hidhuudha, akka waan lubbuu isaa Rabbiif ajajamuu irratti hidheeti. Akkas jedhame: inni irra caalaa hidhannaati, Akkuma jedhame: qabsoon qabsoo lubbuu ofiitin waliin godhan, inni hidhannaa laafaa mijjataa ta'eedha, jechuun: inni gosoota hidhannaa keessaa isa tokko jechuudha.
Jechi “Ribaax” jedhu (al)iin waa beeksiftu irratti galuun wajjiin deddeebi'eera; sunis dhimma gochoota kanneenii guddisuuf jecha.
Sahiiha Muslim (1/ 219) (251).
Dabalata (8)
كنوز رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين.
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (2/ 183).
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (1/ 209).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (1/ 158).
Cited in books
10 BooksDabalata (10)
- الخطب المنبرية موسوعة الخطب المنبرية (القسم الثاني)«أَلَا أَدُلُّكُمْ عَلَى مَا يَمْحُو اللَّهُ بِهِ الخَطَايَا وَيَرْفَعُ بِهِ الدَّرَجَاتِ؟» قَالُوا: بَلَى يَا رَسُولَ اللَّهِ. قَالَ: «إِسْبَاغُ الوُضُوءِ عَلَى المَكَارِهِ، وَكَثْرَةُ الخُطَى إِلَى المَسَاجِدِ، وَانْتِظَارُ الصَّلَاةِ بَع
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهمالصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«أَلَا أَدُلُّكُمْ عَلَى مَا يَمْحُو اللَّهُ بِهِ الْخَطَايَا، وَيَرْفَعُ بِهِ الدَّرَجَاتِ؟» قَالُوا: بَلَى يَا رَسُولَ اللَّهِ. قَالَ: «إِسْبَاغُ الْوُضُوءِ عَلَى الْمَكَارِهِ، وَكَثْرَةُ الْخُطَا إِلَى الْمَسَاجِدِ، وَانْتِظَارُ الصَّلَا
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«أَلَا أَدُلُّكُمْ عَلَى مَا يَمْحُو اللَّهُ بِهِ الْخَطَايَا، وَيَرْفَعُ بِهِ الدَّرَجَاتِ؟» قَالُوا: بَلَى يَا رَسُولَ اللَّهِ، قَالَ: «إِسْبَاغُ الْوُضُوءِ عَلَى الْمَكَارِهِ، وَكَثْرَةُ الْخُطَا إِلَى الْمَسَاجِدِ، وَانْتِظَارُ الصَّلَا
- المناهج التعليمية - الصف الرابعالمناهج التعليمية - الصف الرابع - الفقه«ألا أَدُلُّكُم على ما يَـمْحُو اللهُ بهِ الخطايا ويَرْفَع بِه الدَّرجات؟» قالوا: بلى يا رَسولَ اللهِ. قال: «إِسْبَاغُ الوُضُوءِ عَلَى الْمَكَارِهِ [3]، وَكَثْرَةُ الْخُطَىٰ إِلَى الْمَسَاجِدِ وَانْتِظَارُ الصَّلَاةِ بَعْدَ الصَّلَاةِ، فَذَ
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح“ألا أدلكم على ما يمحو الله به الخطايا ويرفع به الدرجات، قالوا: بلى يا رسول الله، قال: “إسباغ الوضوء على المكاره، وكثرة الخطا إلى المساجد، وانتظار الصلاة بعد الصلاة، فذلكم الرباط “
- الميسر في صفة الوضوء"ألا أدلُّكم على ما يمحو الله به الخطايا، ويرفع به الدرجات؟"،
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 1 «ألا أَدلُّكُمْ عَلَىٰ مَا يَمْحُو اللهُ بِهِ الْخَطَايَا، وَيَرْفَعُ بِهِ الدَّرَجَاتِ؟»
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 5«ألا أدُلُّكُم علىٰ مَا يَمْحُو اللهُ به الخَطَايَا، ويرفعُ به الدَّرجاتِ؟»
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 5«أَلاَ أَدلُّكُمْ عَلىٰ مَا يَمْحُو اللهُ بِهِ الخَطَايَا، وَيَرْفَعُ بِهِ الدَّرَجَاتِ؟»
- نبراس طالب (2)نبراس طالب (2) «أَلَا أَدُلُّكُمْ عَلَى مَا يَمْحُو اللهُ بِهِ الْخَطَايَا، وَيَرْفَعُ بِهِ الدَّرَجَاتِ؟» قَالُوا: بَلَى يَا رَسُولَ اللهِ. قَالَ: «إِسْبَاغُ الْوُضُوءِ عَلَى الْمَكَارِهِ([2])، وَكَثْرَةُ الْخُطَا إِلَى الْمَسَاجِدِ، وَانْتِظَارُ الصَّلَ