Skip to content

"Ijoolleen keessan yeroo waggaa torba ta’an akka salaata jalqaban isaan ajajaa, yeroo waggaa kudhan guutan immoo (yoo didan) isaan rukutaa, eddoo hirriibaa irrattis addaan isaan baasaa".

Amrii bin Shu'eyb abbaa isaa akaakayyuu isaa irraa oedeessee akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan:

"Ijoolleen keessan yeroo waggaa torba ta’an akka salaata jalqaban isaan ajajaa, yeroo waggaa kudhan guutan immoo (yoo didan) isaan rukutaa, eddoo hirriibaa irrattis addaan isaan baasaa".

«مُرُوا أولادكمِ بالصلاةِ وهم أبناءُ سبعِ سِنينَ، واضرِبوهم عليها وهم أبناءُ عَشرٍ، وفرِّقوا بينهم في المَضاجِعِ».

Abuu Daawuudtu gabaase
Hasani
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- abbaan ijoollee isaa -dhiirotaa fi dubartoota- yeroo umuriin isaanii waggaa torba ta’e akka salaatan isaan ajajuu fi waan salaatuuf isaan barbaachisu barsiisuu akka qabu ibsaniiru. Umriin isaanii waggaa kudhan yoo ga’u ajajni ni dabala, salaataf dantaa dhabiinsi yoo isaan irraa muldhate isaan rukuta, bakka hirriibaa irrattis addaan isaan baasa. ​

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Ijoollee xixiqqoo osoo isaan hin ballaghne dhimma amantii isaan barsiisuudha, sana keessaa inni guddaan waa'ee salaatati.

Reebichi adabbiidhaaf malee miidhaaf miti, kanaafuu reebicha haala isaa (daa'imaa) wajjiin walsimu reebuudha qaba.

Shari’aan kabaja namaa eeguu fi daandii badiitti geessu hunda cufuuf xiyyeeffannoo kennuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (1/ 367) (495.

496).

Dabalata (4)

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

مجموعة من الباحثين (1/ 299).

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 382).