Skip to content

«Wanti nama macheessu hundi farshoodha, wanti nama macheessu hundinuu ammoo haraama, namni addunyaa tana irratti farshoo dhugee osoo irraa hin towbatin araada itti tahee du'e, inni Aakhiratti ishee hin dhugu».

Ibnu Umar irraa odeeffame, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:

«Wanti nama macheessu hundi farshoodha, wanti nama macheessu hundinuu ammoo haraama, namni addunyaa tana irratti farshoo dhugee osoo irraa hin towbatin araada itti tahee du'e, inni Aakhiratti ishee hin dhugu».

«كل مُسْكِرٍ خَمْرٌ، وكل مُسْكِرٍ حرام، ومن شرِب الخمر في الدنيا فمات وهو يُدْمِنُهَا لَمْ يَتُبْ، لَمْ يَشْرَبْهَا في الآخرة».

Muslimtu gabaase, Bukhaariin immoo jechattii xumuraa isa irraa tahe keessatti gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wanti sammuu haguugee isa deemsisu hundi bifa dhugaatin, ykn bifa nyaataatin ykn bifa funyaanitti ol fudhachuutin ykn bifa waan biraatin ta'ee inni farshoo nama macheessu yoo tahu, waan nama macheessee sammuu namaa deemsisu hunda xiqqaas tahee guddaa Rabbiin ol tahe dhugumatti akka haraama isa taasisee irraa dhoorge ibsaniiru. Namni wantoota nama macheessan irraa gosa kamiyyuu dhugee, dhuguu itti fufee hanga du’utti irraa hin towbatin; inni Jannata keessatti akka isa hin dhugne gochuudhaan adabbii Rabbii haqa godhataadha.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sababni farshoon dhoorgameef waan nama macheessuufi, Wanti gosa kamiiyyuu tahee wanni nama macheessu hundi haraama.

Rabbiin ol tahe farshoo haraama akka godheedha; Sababaa miidhaa fi badii guddaa of keessaa qabuuf jecha.

Jannata keessatti farshoo dhuguun guutummina mi'aati fi qananii irraayi.

Namni addunyaa tana keessatti farshoo dhuguu irraa of hin qusanne, Rabbiin jannata keessatti akka hin dhugne isa dhoorga, mindaan fakkaatuma hojiiti.

Osoo hin du'in gara Rabbitti deebi'uun towbachuu irratti nama kakaasuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (7/ 104) (5575).

Sahiiha Muslim (3/ 1587) (2003).

Dabalata (15)

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (8/ 519).

فتح ذي الجلال والاكرام بشرح بلوغ المرام.

لابن عثيمين (5/ 418).

توضِيحُ الأحكَامِ مِن بُلوُغ المَرَام.

للبسام (6/ 307).

معالم السنن.

وهو شرح سنن أبي داود.

للخطابي (4/ 264).

الفتح الرباني لترتيب مسند الإمام أحمد بن حنبل الشيباني.

للساعاتي (16/ 116).

فيض القدير شرح الجامع الصغير.

للمناوي (5/ 30).

مرقاة المفاتيح شرح مشكاة المصابيح.

لعلي القاري (6/ 2382).