«Mu'uminni haala toluu isaatin sadarkaa nama soomuu fi halkan dhaabbatuutti qaqqaba».
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
«Mu'uminni haala toluu isaatin sadarkaa nama soomuu fi halkan dhaabbatuutti qaqqaba».
«إنَّ المُؤْمِنَ ليُدرِكُ بِحُسْنِ خُلُقِهِ دَرَجَةَ الصَّائِمِ القَائِمِ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala toluun nama haala tole sadarkaa nama guyyaa soomuu fi halkan dhaabbachuu irratti gadi dhaabbateetiin akka nama ga'u ibsani, guduunfaan haala toluu: toltuu hojjachuu, haasaa toluu, fuula ifuu, miidhaa dhiisuu, yeroo namni nama miidhu danda'anii baachuudha.
....:
Islaamummaan haala tottolchuu fi isa guutuutti haalaan xiyyeeffannoo itti kennuu isaa.
sadarkaa haala toluun qabuudha, hanga isaan sadarkaa nama soomuu kan hin faxarree fi nama halkan dhaabbatuu kan hin dadhabneetiin gabricha ga'utti.
guyyaa soomuu fi halkan dhaabbachuun hojii gurguddoo lubbuutti ulfaachuun isaan keessa jiruudha, abbaan haala gaarii wolitti dhufeenya tolchuun waan lubbuu isaatti qabsaa'eef sadarkaa isaaniitti qaqqabe.
Sunana Abbaa Daawuud (7/ 176) (4798).
Musnada Ahmad (40/ 414) (24355).
Dabalata (6)
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (1/ 675).
تطرز رياض الصالحين.
لفيصل آل مبارك (ص411).
مشكاة المصابيح.
لمحمد العمري (3/ 1409).
Cited in books
6 BooksDabalata (6)
- الحقيقة المُبْهِرَة في العلاقة بين الإسلام والإنسان(إن المؤمن ليدرك بحُسْن خُلُقه درجة الصائم القائم)[132].
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 3«إنَّ المُؤْمِنَ لَيُدْرِكُ بِحُسْنِ خُلُقِهِ دَرَجَةَ الصَّائِمِ القَائِمِ».
- مشروع منهاج زادكزادك 2 طالب نهائي«إِنَّ الْمُؤْمِنَ لَيُدْرِكُ بِحُسْنِ خُلُقِهِ دَرَجَةَ الصَّائِمِ الْقَائِمِ»
- نبراس طالب (2)نبراس طالب (2) «إِنَّ الْمُؤْمِنَ لَيُدْرِكُ بِحُسْنِ خُلُقِهِ دَرَجَةَ الصَّائِمِ الْقَائِمِ»
- وثيقة منهج نبراس لمدارس نهاية الأسبوع1"إن المؤمن ليدرك بحسن خلقه درجة الصائم القائم"
- وثيقة منهج نبراس لمدارس نهاية الأسبوع1"إن المؤمن ليدرك بحسن خلقه درجة الصائم القائم"