Skip to content
Surah List /

غَافِر

غَافِر is chapter 40 of the Quran and has 85 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

85 Ayahs Surah No. 40
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡعَلِيمِ

Buufamni kitaabichaa Rabbii injifataa, beekaa ta’e irraayi.

غَافِرِ ٱلذَّنۢبِ وَقَابِلِ ٱلتَّوۡبِ شَدِيدِ ٱلۡعِقَابِ ذِي ٱلطَّوۡلِۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ إِلَيۡهِ ٱلۡمَصِيرُ

Araaramaa dilii, qeebalaa tawbaa, (abbaa) adabbii cimaa, abbaa arjummaa (irraayyi). Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; deebiin gara Isaati.

مَا يُجَٰدِلُ فِيٓ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ إِلَّا ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فَلَا يَغۡرُرۡكَ تَقَلُّبُهُمۡ فِي ٱلۡبِلَٰدِ

Keeyyattoota Rabbii keessatti warra kafaran malee eenyulleen hin falmu. Dachii keessa gara gaggaluun isaanii si hin dagin.

كَذَّبَتۡ قَبۡلَهُمۡ قَوۡمُ نُوحٖ وَٱلۡأَحۡزَابُ مِنۢ بَعۡدِهِمۡۖ وَهَمَّتۡ كُلُّ أُمَّةِۭ بِرَسُولِهِمۡ لِيَأۡخُذُوهُۖ وَجَٰدَلُواْ بِٱلۡبَٰطِلِ لِيُدۡحِضُواْ بِهِ ٱلۡحَقَّ فَأَخَذۡتُهُمۡۖ فَكَيۡفَ كَانَ عِقَابِ

Isaan dura ummanni Nuuhiifi gareewwan isaan boodaas sobsiisanii jiru. Ummanni hundi ergamaa isaanii qabuuf yaadaniiru. Sobaan falmanii dhugaa balleessufis yaalan. isaan qabe. adabbiin kiyya akkam ta’e laata!